Hayyat Jimma

Hayyat Jimma Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Hayyat Jimma, Camera/Photo, Al Qunfudhah.

23/07/2021
Bagaa gammadan bagaa gammanne Oromoo ko Ustaaz kamiil shamsuu fi obbo Galasaa diilboo Obbo diimaa Nagawoo bagaa gammadan...
11/07/2021

Bagaa gammadan bagaa gammanne Oromoo ko Ustaaz kamiil shamsuu fi obbo Galasaa diilboo Obbo diimaa Nagawoo bagaa gammadan parlaamaa bakka bu'oota ummataa ta’uun keessan bayyee nu gammachiisee jiraa
Marasa itti hanuu akka Oromoof bu'aaqabeessa tataan abdii qabnaa baraa hojii garii isiiniif hata'uu

Haadholii Duraan Opereeshiniin Da'aniif:      ******************************Akkuma beekamu harmooliin tokko tokko sababa...
07/07/2021

Haadholii Duraan Opereeshiniin Da'aniif:
******************************
Akkuma beekamu harmooliin tokko tokko sababa adda addaa irraan kan ka'e opereeshiniin akka da'an beekamaadha. Garuu ulfi ykn da'uumsi itti aanu yoo xiqqaate ji'a kudha sadeeti wal irraa fagaachuu qaba. Kunis madaan gadameessaa inni duraa sun jabaate haalaan yoo fayye wayita ulfaa ykn da'uumsa itti aanutti gadameessi akka hin tarsaaneef fayyada.

Egaa walumaagalatti harmooliin duraan opereeshiniin da'an maal gochuu qabu kan jedhuuf;
1. Ragaa opereeshinii booda kan ogeessi fayyaa isaanii kennu gatuu akka hin qabne.
2. Ulfi ykn da'uumsi itti aanu yoo xiqqate waggaaf ji'a ja'a wal irraa fagaachuu akka qabu beekuu qabu.
3. Hordoffii wayita ulfaa haalaan fudhachuufi kara kamiin da'uu akka qaban ogeessa fayyaa mariisiisuu qabu.
4. Da'umsi opereeshinii boodaa buufata fayyaatti osoo hin taane hospitaalatti ta'uu akka qabu beekuu qabu.
5. Harmooliin opereeshiniin al tokko da'aan da'uumsi itti aanus opereeshinii osoo hin taane karaa qaama isaanii ciniinfatanii da'uu akka danda'an beekuu qabu.
6. Wayita da'umsa jala ga'an osoo ciniinsuun isaan hin qabiin hospitaalatti dhiyaatanii jiraachuu qabu.
7. Yoo ciniinsifatanii da'uu hin barbaanne opereeshiniin da'uun mirga isaanii akka ta'e beekuu qabu. Garuu miidhaa fi faayidaa ciniinsifatanii da'uu fi opereeshiniin da'uun maal maal faa akka ta'e ogeessa fayyaa mariisisuun faayidaa guddaa qaba.
Galatoomaa!
Dr. Lammii G.

Address

Al Qunfudhah

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hayyat Jimma posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category