28/01/2026
Yosef abbaa warra Boonii kana nan jaaladha ture.
Sababiin isaas naamusni mucaa namatti tola ture.
Amma garuu maxxansii inni har’a maxxanseeru tokko argeetu naaf galuu didde, jennaan irraa dubbachuuf dirqame.
Akkas jedha maxxansii isaas👇
Gaa’ela koo dura waggaa 5 waliin turre, yeroo sana baay’ee wal jaallanna.
Amma garuu waliif galuu dadhabneetu wal dhiifneerra, ani kan nama biraa ta’eera bara baraaf.😏
Jedha barruun isaa.
Maal jechuudha jedhe Taayyeen keenya?
Waggaa afur guutuu maal wajjin gochaa tureetu waggaa 5ffaa irratti waliif galuu dadhabe? Gaaffii kooti.
Gurbaan akkuma mucattiin inni ganee jette sana gantuudha.😁
Jalqabumayyuu inni tajaajilaa ta’eetu akkamitti kana gochaa ture waggaa 5 guutuu mucayyoo sana wajjiin? Maal raawwachaa ture kan jedhus gaaffii biraati?
Gaafa inni mucayyoo sana wajjin waggaa 5 guutuu ture, waldaan inni itti tajaajilu quba qabdii?
Akka seera amantoota Wangeelaatti namni lama fuudhe tajaajiluu hin danda’u, taa’eetu tajaajilama malee.
Kunis lama fuudhun gargari miti.
Akkamitti tajaajilaa ture?
Tajaajilaa taateetu, gaafa ati naamusa tajaajilaa cabsitu wal hin dhiifnu eenyuunillee.
Party 2
Amman arge ajandicha kana, party 3 itti fufa. 😁