24/07/2026
π Namoonni hedduun sirba qofa dhaggeeffatu; ani garuu boo'icha nama tokkoo dhaga'e.
Andualem Gosa yeroo kana sirba "Waa'ee Jireenya Koo" jedhuun gara muuziqaatti hin deebi'in; gara yaadannootti deebi'e.
Sirbi kun jaalala waa'ee argachuu miti. Waa'ee nama tokkoo dhabee, mana guutuu ta'ee amma duwwaa ta'e dubbata.
Jechoonni akka:
"Mana ati hin jirre keessaa... hirruudha, an duwwaadha."
jechuun mana qullaa qofa hin ibsan; qalbii nama yeroo hunda nama tokko eegaa jiru ibsu.
Nama tokko yeroo dhabdutti, wanti nama ajjeesu boo'icha miti; cal'isummaa dha. Tessumni inni irra taa'ee, kutaan mana keessaa, wanti hundi nama sana yaadachiisa. Jireenyi itti fufa; garuu onneen bakka sanatti hafu dandeessi.
Namoonni baay'een sirba kana yeroo dhaggeeffatan haadha warraa isaa yaadatu. Sababni isaas miirri sirba kana keessaa dhaga'amu, miira nama gadda guddaa keessa darbee qofa irraa ba'u fakkaata. Kanaaf sirbi kun qalbii nama hedduu tuqe. οΏ½
Sirboonni tokko tokko ni jaallatamu. Sirboonni muraasni immoo ni hubatamu. "Waa'ee Jireenya Koo" garuu namni gadda dhugaa keessa darbe qofatu guutummaatti hiika isaa hubachuu danda'a.
ποΈπ
Link comment jala jiraππ