Abhirko photography

Abhirko photography Follow my page

Permanently closed.
19/11/2023

05/06/2022

🏆🎼🎵🏆
BADHAASA HAACAALUU HUNDEESSAA
(HACHALU HUNDESSA AWARD (HHA))

Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaatiin qophaa’ee waggaatti yeroo tokko kan dhiyaatu Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa (Hachalu Hundessa Award) gosoota dorgommii kudhaniin hojiilee muuziqaa wal dorgomsiisee sirna badhaasaa hawwataa fi miidhagaa ta’e irratti beekamtii kenna.

Artiist Haacaaluu Hundeessaa muuziqaatti fayyadamuun kabajamuu mirga dhala namaa, wal-qixxummaa fi haqaaf qabsaa’aa kan ture yoo ta’u, Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa artistii qaalii yaadachuun cinaatti kaayyoon isaa akka galma gahuu fi duudhaaleen (Legacy) isaa akka itti fufan gochuuf shoora olaanaa qabaata.

Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa bara-baraan sirna badhaasaa guyyaa Haacaaluu Hundeessaa itti wareegame, Waxabajjii 29 (Waxabajjii 22 A.L.I) qophaa’a.

Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa bara darbe hundaa’ee erga hojii eegalee booda qopheessaa kan ture Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa (Hachalu Hundessa Award) kan jalqabaa fi seena qabeessa ta’e Waxabajjii 29 bara 2022 raawwata.

Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa jalqabaatiin hojiileen muuziqaa Afaan Oromoo guyyaa Haacaaluu Hundeessaa wareegame, Waxabajjii 29 bara 2020 hanga Bitootessa 31 bara 2022 bahan gosoota dorgammii 10 armaan gaditti tarraa’an jalatti dorgommiif dhiyaatu.
1. Sirba cimaa bara kanaa
2. Kiliippii muuziqaa cimaa bara kanaa
3. Walaloo muuziqaa cimaa bara kanaa
4. Yeedaloo muuziqaa cimaa bara kanaa
5. Qindeessaa muziqaa cimaa bara kanaa
6. Daayireektara kilippii muziqaa cimaa bara kanaa
7. Editara kiliippii muziqaa cimaa bara kanaa
8. Sinimaatogiraafii kilippii muuziqaa cimaa bara kanaa
9. Artistii dhiiraa haaraa cimaa bara kanaa
10. Artistii durbaa haaraa cimtuu bara kanaa

Haaluma kanaan, ogeeyyiin dhimma kana irratti hojjatan filatamanii sirboota Afaan Oromoo yeroo olitti daangeffame keessa bahan madaaluun, gosoota badhaasa afuriin kanneen uummatni irratti sagalee kennuu qabu adda baasanii jiru.

Isinis marsariitii https://hachaluhundessaaward.org irratti sagalee kennuuf qopha'aa.

Ulfaadhaa!
Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa!

HAPPY WEDDINGWageri & Helen
10/05/2022

HAPPY WEDDING
Wageri & Helen

••••Walumaan••••Waliin Haa DabarsinuuWaliin Nyaannee DhunneeMaal Yoo Nu YaadattanNutoo Bakeetti Dhumnee?--------Maaloo N...
24/04/2022

••••Walumaan••••
Waliin Haa Dabarsinuu
Waliin Nyaannee Dhunnee
Maal Yoo Nu Yaadattan
Nutoo Bakeetti Dhumnee?
--------Maaloo Nuuf Hiixadhaa
--------Lammii Koo Yaa Sabaa
--------Harkaa Dhabaaf malee
--------Nutoo Hin Beeknu Dabaa!
Maaf Kophaa Dabarsituu
Sanyii Tokkoo Taanee
Rakkinaaf Gadadoof Malee
Jaalannee Manaa Hin Yaanee !
--------Jedhanii Nu Gaafatuu
--------Waan nyaatan Dhabanii
--------Kanum yeroo Tokkoollee
--------Of Harkaa Hin Qabanii !
Walumaan Haa Nyaannuu
Jaalalaan Dabarsaa
Kana Gochuu Dinaan
Lammii Koo Abaarsaa !

BAGA_GEESSAN

ABHIRKO PHOTOGRAPHY
12/04/2022

ABHIRKO PHOTOGRAPHY

  for Hacallu Hundesa Boja  for oromo people
11/01/2022

for Hacallu Hundesa Boja
for oromo people

01/01/2022

Abhirko phography

22/12/2021

When jesus say yes
no body can say no.
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

Address

Nekemte
Nek'emte

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abhirko photography posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Abhirko photography:

Share

Category