Wayyii Fedhii Ko

Wayyii Fedhii Ko sobeenοΏ½kolfa

Ati ormaaf takkaAnaaf immoo KumaAni siif dalagee Situ naaf utubaaNu laachu wal malee Jiraachun AbjuudhaJiruuf jireenya k...
15/08/2025

Ati ormaaf takka
Anaaf immoo Kuma
Ani siif dalagee
Situ naaf utubaa
Nu laachu wal malee
Jiraachun Abjuudha

Jiruuf jireenya koo
Sii waliin unachuuf
Sii qofan jaaladhee
Barbaade siin dhabu
Yaa ibsituu walaabumma

Akkam Jirtan LammiiAkkam Jirtuu SabaaKeessa Garaa KiyyaaEenyu Quba QabaaIsan Dhoksee BaadheBara Fagoof DheeraaQuba Qabdu...
15/08/2025

Akkam Jirtan Lammii
Akkam Jirtuu Sabaa
Keessa Garaa Kiyyaa
Eenyu Quba Qabaa

Isan Dhoksee Baadhe
Bara Fagoof Dheeraa
Quba Qabduu Laata
Akkanattan Jiraa

Sittin Fakkaatin Gadda
Anin Buusu Mataa
Jaalala Lammii Kiyyaat
Keessa Ko Na Nyaataa

Sin Jaaladha Lammii
Sin Abdadha Saba Koo
Sirraa Hin Hafu Yoomuu
Gaafa Bal'oos Gaafa Rakkoo. Shirani sih busani lammiin s

Siifin Iyya Ol Qabee
Walaloof Yeedaloonii
Dhukkuba Keen Yaala. Sih walini jira
Lallabee Sagaleenii

Sin Wal'aana Saba Ko
Jecha Funaanee Guuree. Abdu Jemal Md Sani
Madaa Keen Fayyisa
Rakkoo Kan Kee Furee

Akkamittin Si Dhiisa
Saba Qaaliif Gaarii
Hortee Gurraachotaa
An Siif Jiraa Barii❀

10/08/2025

😭😭😭😭

20/06/2025
10/05/2025


Gubbaankoo bishaan lagaa
Keessikoo abidda baataa
Sobeen irra keessaa kolfaa
Garaankoo ramaca fakkaataa
~
Diinnikoo kolfakoo boo'a
Gammachuuko gadda taa'ee
Ilkaaniin sobeen itti seeqaa
Kan garaakoo garaa kaa'ee
~
Osoon gubadhuun obsaa
Diina of hin gammachiisuu
Waraanameen obsa malee
Itilleerra galee hin ciisuu
~
Diinnikoo jiraachuuko du'a
Utaalchako taa'ee gom'aa
Diinakoo jilbi jalatti laafee
Dhaabbachuukoo rom'aa
~
Gaddee fuula hin guuruu
Wayyaa nagaan uffadhaa
Sammuuko aaariin guutus
Beekaan kokkolfee xabadhaa

Ergaa qabaSammuun koo iccitii tuuleeArrabnuu dubbiif na kuuleeIjji imimmaan biraa ilaaleeKooyyuu qoorfachuu yaaleFaanni ...
02/08/2024

Ergaa qaba

Sammuun koo iccitii tuulee
Arrabnuu dubbiif na kuulee

Ijji imimmaan biraa ilaalee
Kooyyuu qoorfachuu yaale

Faanni koo imaltuuf na kaasee
Qubbeen koo jechoota gad-yaasee

Dugdi koos ba'aaf na gugguba
Gateettin koo guutuunna dhukkuba

Miilli koo deemsaaf naan daddaba
Irreen koo duwwaa na dadhaba

Hamman deeme tilmaamanuu akeeku
Xumuura imalakoo garuu hin beeku

Sammuun koo beekuuf na dadhaba
Walaloon kooyyuu ergaa qaba!

"Walloo cittuu SabaaMormattuu Halagaa "Biyyaaf Biyyoo IssafHalkan Guyyaa Dhiigaa          Eyyeen"Dhiirri Biyyaaf TolaDhi...
21/07/2024

"Walloo cittuu Sabaa
Mormattuu Halagaa
"Biyyaaf Biyyoo Issaf
Halkan Guyyaa Dhiigaa
Eyyeen
"Dhiirri Biyyaaf Tola
Dhiirri Biyyaaf Lolaa
"Dhiirri kan Sabaati
Du'us Galma Tolaa

"Madaayus Biyyaafi
Cabee Yaasus Dhiigaa
"Kormi Kan Lammiiti
Qolee Biyya Eegaa

"Tokko Dhibba Caala
Onnee Qabaannaani
"Gootat Biyyaaf Du'a
Sabaaf Kan Dhiigdanii

"Warra Onneen Tuulaa
Saba Uumaan Addaa
"Kan Biyyaf Duutanis
Qabdan Seenaa Guddaa

"Eyyee Isin Goota
Leenconni Biyya koo
"Duguugduu Halagaa
Irkoo Gaafa Rakko

"Isin haaGargaaru
Kaaliqni Guddaanii
"Warra Biyyaaf Wabii
Jaarsaaf Dardaraanii

"Godaannisa hin fayyamne"πŸ’”"α‹¨αˆ›α‹­α‹΅αŠ• αŒ α‰£αˆ³" 😒😒😒😒Garaa lafnee Bullu kenyaan Dinaaf salpha tanne Jarra tokkof  du'a tureeKuno Ha...
18/03/2024

"Godaannisa hin fayyamne"πŸ’”
"α‹¨αˆ›α‹­α‹΅αŠ• αŒ α‰£αˆ³" 😒😒😒😒

Garaa lafnee Bullu kenyaan
Dinaaf salpha tanne
Jarra tokkof du'a turee
Kuno Har'as dunee
Maal mallisa?
Maal mallisa?
Kenya maal mallisa?
,,,,,,,,,,.......
π™½πšžπš‘πš’, π™±πš’πš’πš’πšŠ πš†πšŠπš•πš•πš˜πš˜,π™Άπšžπš‹πšŠπšπš’, π™³πš‘πšžπšπšŠπš—πš’ π™³πš‘πšŠπšπšŠπš•πšŽ π™»πšŽπšπšπš’πš’, π™Έπšπšπš’ π™²πšŠπš‹πšŽπšŽ πš†πšŠπš›πšŽπšπšŠπš–πš—πš’ π™ΆπšŠπš–πš—πš’ π™ΊπšŽπš—πš’πšŠπšŠ π™³πš‘πš’πššπšŠπš—πš’, πš€πšŠπš πš πšŽπšŽ

Address

Senbate
Kemise

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wayyii Fedhii Ko posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category