Halkish Jirma HJ Page

Halkish Jirma HJ Page MAQAAN NAGEELLEE BOORANAA BIDUU DHALOOTAATI πŸ‘ˆπŸ’”πŸ™βœ

Eegii sun, Waggaa 34'ffaadha. Guyyaan sunin, guyyaa hoodaati. Guyyaa, Oromiyaa gamii Booranaa dhaamoteedha. Guyyaa, akka...
02/07/2026

Eegii sun, Waggaa 34'ffaadha. Guyyaan sunin, guyyaa hoodaati. Guyyaa, Oromiyaa gamii Booranaa dhaamoteedha. Guyyaa, akka hin sehini ta'eedha. Guyyaa Bakkalchaaf Urjiin Oromiyaa Gama Booranaa dhaamteedha. Yaadannoon July 02/1992 sunin, Kamisa Boriiti. Haga Jaatoon badee, Waggoota 34f Dhalootni bara hin kabajne hin qabu. Tanumaaf qophiitti jirra. Liiban Nageellee Booranaa jirra.

Ufii 'Qaroon Booranaa' Jaatanii Alii Tandhuu eennu turan?

Ganna hedduun duubatti ammallee maaniif leellifamu?

Jaatanii Alii, Jaatoo fi Shalaqaalleen maqaa jaalalaa ka hawaasii yaamuun. Maqaan warrii isaanii baaseef, Jaatanii Alii Tandhuuti. Gaggeessaan Booranaa duraanii ''jireenna isaa guutuu uummata isaatiif jiraate'' jedhamuun hardhallee hawaasa Booranaa fi uummata Oromoo biratti guddoo jajama. ''Ilmii sabaa guddoo jaalatamu'' kunin eegii lubbuun isaa dabree ganna 30tti dhiyaachaa jira.

Hariyyaan ijoollummaarraa qabee Shalaqaa beekaniifi waliin baratan Aabba Taadhii Liiban BBCtti akka himanitti, Jaatanii Alii gabaabumatti ''nama, nama dura deemuufi diqqaa-guddaan kan haasa'asaa jaalatu,'' ture jedhu.

''Akka durii loon callaa horatanii taa'uu hin danda'ani, lafa tanallee qotadhaa miidhaan namaa baafti, loon keessanillee jabeessaa, daldallis nama guddisa. Dirattilee mana jaarradhaa,'' jedhee hawaasa Booranaa gorsaa akka innii ture manguddoon kun dubbatu.

Aabba Huqqaa Garsee Odaa ammoo bara Jaatanii Alii bulchaa turanitti isaan jalatti nama tajaajilaa turaniifi isaan waliinis nama dirree waraanaa hiriiraniidha. ''Jaataniin qaroo fi janna Booranaati. Beekaa namaati. Kan waan cufa fageessee laaluuf nama, nama cufa jaalatu,'' jechuun ibsu.

Namoonni gameessa kana qaamaan beekanis tahee dhaloonni ammaa, waa'ee Jaatanii Alii ho dubbatan miira keessa galaniiti.

Hariyyaan isaanii ka bara dheeraa Aabba Taadhiin ''Dootii namaa ta akkasaa garaa na nyaatte hin jirtu,'' jechuun ijjeechaa nama kanaan gadda garaa keessaa hin baane waliin akka jiran dubbatu.

Kabaja nama kanaatiif jecha hardhallee dhaloonni sirba baasuuf, ni walaleessuuf, kitaaba barreessuuf, bakka gargaraa maqaasaatiin moggaasu.

"Gaaddisii dawoo gosaa waa nurraa cabuu hin malle. Jaatanii Alii Tandhuu biyyeen si dhawuu hin malle," jechuun artist Lookoo Aashanee weellisteetti.

Namii akkasiin saba biratti ijjeechaasaa barkurnee sadiin boodas hardhallee guddoo jajamu kun eennu? Hawaasa biratti maaliif akkasiin kabaja guddaa horate? Man jedhuuf kaanis namoota isatti dhiyeenna qabaniif kitaaba seenaasaa irratti barreeffame wabeeffachuun odeessa armaan gadii qixeessine.

Shalaqaa Jaatanii Alii eennu?

Jaatanii Alii Tandhuu ALA bara 1941 bakka Meelbanaa jedhamtu, Aanaa Dirree Godina Boorana Dirreetti dhalatan.

Wayita Kiristinnaa ka'uttis maqaan isaa gara Maabaa-tsiyoonitti jijjiirame. Hawaasni Booranaa maqaawwan jaalalaa 'Jaatoo' fi maqaa sadarkaa poolisiin argatanii 'Shalaqaa' jedhamaniin yaamus, maqaan galmeesaaniirra ture garuu Maabaa-tsiyoon Alii kan jedhuudha.

Kitaabni seenaa isaanii Aabba Taadhii Liibaniitiin Afaan Ingiliiziin barreeffame ''Jatani Ali Tandhu: Life & Legacy of a Borana Statesman'' jedhu akka himutti, Jaataniin bara mootii Hayilee Sillaasee keessatti ijoollee horsiisee bulaa carraan barnootaa kennameef keessaa isaan tokko turan. Ijoollee 65nii ta lafa Booranaatii deemanii barnoota argatan tanaan hawaasii ''Ijoollee bulguu kennani,'' jedhee ibsa.

Kanaanis bara 1952tti Finfinneetti kan argamu Mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Madihaanee Alamitti barnootasaa jalqabaa, akkasumas Wiingeetitti ammoo kutaa 10-12tti baratan.

Barnootasaanii eegii xummureen booda Akkadaamii poolisii Abbaa Diinaa jedhamutti leenjii waggoota sadiif galuun, bara 1965tti eebbifaman. Achiis waggoota torbaaf magaalaa Finfinneef kutaa biyyaa Gamoo Goofaa dabalatee itti gaafatamummaa gargaraan hojjatan.

Boodarras gara Finfinneetti geeddaramuun Damee Poolisii Tiraafikaa keessatti ganna shaniif tajaajilan. Kanaanis Xoophiyaa bakka bu'uun yaa'iiwwan biyyoota gargaraatti deemsifaman irratti hirmaataniiru. Biyyoota akka Jaappaan, Biriiteen, Firansaayii fi Jarmanii Lixaa daawwataniiru.

Boodarras eeyyama hojiisaaniirraa argachuun Yuunibarsiitii Hayilee Sillaaseetti (Yuunibarsiitii Finfinnee ammaa) Mana Barnootaa 'Social Work'tti galmaa'uun ganna lamaaf baratan. Achiis gara Harar imaluun tajaajila hawaasummaarratti hirmaatan.

Waggoottan boodas bulchaa Booranaa tahuun tajaajilaa kan turan yo tahu, hojiiwwan hawaasa naannichaa fayyadan hedduu hojjachuun, akkasumas daangaa Xoophiyaa gamasaanaan jiru eegsisuuf hojii guddaa hojjachuun jajamu.

Ji'a 10n Jaatanii waliin;

Qorataa fi barreessaa seenaa kan tahan Aabba Jaatanii Diidaa, Kumaala Jaatanii Alii Tandhuu ''akka guddaa fuula beeka'' jechuun, ''waliin hojjanneef adoo hintaanee, jalatti guddadheef beeka,'' jedha.

Guyyaan gaafa qaraa Jaatanii Alii arganis guyyaa hedduu rifaasisaa akka tahe yaadata: ''Warrii Soomalii kunin gaarii isaa meeshaa waraanaa laawuncheriin dhahee, gubee, nama isa waliin ture nama hedduu ijjeesee, isa Waaqii jalaa baase.''

Bara mootummaan Dargii kufee mootummaan ADWUI aangoo qabatutti, Kumaala Jaataniin mootummaatti harka kennachuu didee baqachuun Dhoqqolle (Gaara Gubaala) jedhamu ji'a kudhaniif wayita dhokatanii turanitti, Aabba Jaatanii Diidaa nama isa waliin ture tahuu dubbatu.

''Ji'a 10n waliin baane. Saayikilii qaba ture. Yaaballoo haga Dubluq deemee, Dubluqii ammoo km 45 haga Dhoqqollee deemee, nyaataaf waan cufa akkasiin dedeebisaafii ture,'' jedhu. Kanas yo diqqaatte ji'atti marroo shaniif jaha dedeebi'uun waan barbaachisu dhiyeessaafii akka turanillee dubbatu.

Nama Jaatanii arguu barbaadus karaasaaniin malee arguu akka hin dandeennellee kaasuun, wayita isaan gara Keeniyaatti cehanillee haga daangaatti gaggeessuu himaniiru.

Ijjeechaa Shalaqaa Jaatanii Alii Tandhuu:

Eegii Shalaqaa Jaataniin ijjeefamee, barkurnee sadii tahuuf deemna. Hawaasa Booranaatiif Adoolessii 2 guyyaa gaddaati.

Ragaaleen akka mullisanitti, gameessii kun Magaala Naayiroobii, Hoteela 'Negeraa' jedhamutti Adoolessa 2 bara 1992 rasaasaan rukutamanii du'an.

Ijjeechaa nama kanaatiif haga ammaatti namii qabamee yakkaan himatame akka hinjirres ni himama. Aabba Taadhiin ''namki shakkamee hidhame kan ani beeku hinjiru,'' jedhan.

Jaatanii Alii Tandhuu Maatii horateeraa?

Jaatanii Alii hinfuune. Wayita tajaajila poolisii keessa jiranitti haadha warraa fuudhuuf yaadanis, adoo hin milkaa'ini hafe. Aabba Taadhiin kitaabasaa keessatti: ''Jireennasaa keessatti tajaajila hawaasaaf dursa kennuun nuffii tokko malee hojjate,'' jedhu.

Tahus garuu gara dhuma jireennasaatti ga'eela dhaabbachuuf murteessuun kaadhimaa akka godhataniif isiilleen intala takka akka deetteef ni himama. Jaataniin intalasaa tana ilaan adoo hin argini akka du'anis ni himama. Qorataan seenaa Aabba Jaatanii Diidaa ''wannii haga ammaa du'asaa caalaa mataa na dhukkubsaa ture,'' dhimma intalasaa arguu dhabuusaati jedhu.

''Intaltiisaa Hawwiin tunin eegii innii baheen booda dhalatte. Suuraa intalasaa kan geesseef ana,'' jedhu Aabba Jaataniin. Akka isaan jedhanitti, wayita suuraa itti agarsiisuuf deemanitti, ilma (wayita sana ganna 10nii) ka biraallee Finfinnee akka qabu itti himuusaa dubbatu. ''Nutti akeeki inbarbaannallee jennee nu gaafannaan 'Na malee namii itti hinbahu' nuun jedhe.''

Shalaqaan Maaf akkana jaalatame?

Aabba Taadhii Liiban wayita seenaa kitaabasaaniif qindeessanitti, namoota ijoollummaarraa isa beekan gargaraa dubbisuu himu.

Kanneen keessaa wayita magaala Yaaballootti imalanii turanitti, nama Jaatanii Alii beeka jedhan argatanii dubbisan hin dagatan. ''Nama kana Jaatanii beektaa jedhee gaafannaan, imimmaantu keessaa jige,'' jedhu.

''Lafa kanatti namii akkasaa duratti hin dhalanne, duranallee hin dhalatu'' akka jedheen yaadatu.

Aabba Taadhiin dabaluun: ''Wayita biyya bulchutti nama cufa gargar hinqoodu. Namii 'kun gos teenna' jedhee gosaan gargarii hinbaasu,'' jechuun Shalaqaan nama hunda walqixa tajaajilaa akka turan dubbatu.

Aabba Taadhiin gorsa Shaalaqaa Jaataniin wayita sana gorsan amma hawaasni Booranaa hojiirra oolchaa jira jedhu. ''Gorsa isaa sanarraa ka'ee... yoon ilaalu Booranni inuma sosocho'uutti jira.''

Aabba Huqqaa Garsee Odaa ammoo Jaataniin ''Kan waan cufa fageessee laaluufi nama, nama cufa jaalatuufi kabaju,'' jechuun ''nama, nama hin tuffanne,'' jedhu.

''Gaafa lolaallee janna,'' jechuun guyyaa lolaas nama waliin bu'ee lolaa ture jedhu.

Aabba Jaatanii Diidaan ''ji'a kurnan waliin dabarse sun mana barumsaa ture. Akka barsiisaatti wa irraa baradhee jedhu!

Address

Moyale
Hagere Mariam

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Halkish Jirma HJ Page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category