Cirraacha show

Cirraacha show Having something is better than nothing

11/02/2026
Nammi akka koo mormirra🥲 jirtan qoftii like tuqa
29/09/2025

Nammi akka koo mormirra🥲 jirtan qoftii
like tuqa

06/09/2025

Parsantii Hagamiitu shimalis Abdisaa Deeggara❓
Shawaa ____________%✍
Harargee ____________%✍
Wallaggaa ___________%✍
Jimmaa ____________%✍

21/08/2025

Haadha warraa tahuudhaaf,wajji nyaachuun qofti gahaa miti,wajji jiraachuun qofti gahaa miti,wajji imaluun qofti gahaa miti,ilmaan walitti horuun qofti gahaa miti,uffataafi ilillii walii bituun qofti gahaa miti,mana baldhaa keessa wajji galuun qofti gahaa miti,konkolaataa wal-badhaasuun qofti gahaa miti,affeerraa laaqanaatiifi bashannanni biyyarraa biyyatti taasifamu qofti gahaa miti,ija keessaa imimmaan walii harcaasuun qofti gahaa miti,cidhaafi waca keessatti wal faarsuun qofti gahaa mitii beeki.

ila
Haadha warraatiifi abbaan warrummaa,namooma walii guutuudha,kabaja maatii guddaan malu walii laatuudha,alaafi manatti kabaja waliif malu walii kennuudha,keessaa gabbatanii atootanii ititanii wal-wajjiin mul'tuudha,dhukkubaafi rakkinarratti wal utubuudha,bakka hidhaafi baqaatti ciniinnataa rakkoo hinjifachuudhaaf carraquudha,guddisa ilmaanii irratti cichanii hortee gaarii hawaasaaf gumaachuudha,namooma guutanii argamuudha, bakka wal-bira hinjirretti du'aa'ii iccitiidhaan walii godhuudha,hadhaafi abbaa waliitiif obsaafi adaba walii qabaachuudha,hortee ufii walii kabajuudhaa beeki.

Yoooo
Jireenni meeshaafi bu'aa irratti hundaahe,harki fuudhuufi kennuu irratti amala bade,ijji muuziifi burtukaana arguu malee hujiifi jiruu arguu irratti daangofte umriin gabaabaadhaa hubadhu.

Jaaloo
Dammaafi sukkaarri arraba mi'eessu malee jiruu hin mi'eessanii beeki,yoo mi'aa dhugaa taate immoo,sukkaara irra sooqiddatu irra hujii guddaa qabaa taajjabi,kan ati barbaadduufi kan si barbaachisu adda baafachuu dadhabuun isa kanaa xiinxalli.

Obbolaa
Haadha warraa keetiif abbaa warraa tahuu feeta taanaan,waan dhandhamamu qofa bitteefii galuu osoo hin taane,waan dhama qabu dalaguu filadhu, tooftaan jiruu ittiin toohattu,dhama dhiirummaati malee dhangaa ganamaafi galgala guurtee ittiin galtu mitii argi.

Yooooo
Dhiirsi hedduun dhiira tahuu kan dadhabeef,haati warraa isaa dadhabsiistuu taatee osoo hin taane, isumatu yaadaan dadhabaa waan taheedhaafii argi.
Cush Land Sufian Ousman Page

31/07/2025

Jechoota barattoonni guyyaa eebba isaanii Matseetii irratti barreeffatan baayyee natti tola. Mee Jechoota barattoonni eebbifaman waraqaa yaadannoo eebbaa(Matseetii) isaanii irratti barreessan keessaa kamtu isinitti tola? Kanneen armaan gadii kana keessaa kamtu isinitti tole?

A)Waan hundumtuu isaan ta'e.

1. Bu'aa ba'ii baay'ee ba'een bu'aan ba'e.
2. Silaa dhumuu baate dhumne
3. Qoraan baay'ee fixus bilchaateera.
4. Tun tanaa tuun ganaa.
5. Kufee ka'een kutee ba'e
6. Dararaa hedduu booda Daraaraa harkaan qabatu
7. Affeelameen affeerame.
8. Kun tokko kaanis gaaf tokko.
9. Jilbeenfadheen bilcheefadhe!
10. Firii koos fira koos argeera
11. Digrii tokko argachuufan digiri 360 naanna'e
12. Akkaa durii fi harkaa xuriitin hin hafanii
13. Miidhameen miidhage
14. Kan eessaa geessa sin jedhutu baga geesse siin jedha
15. Waan gabaa irra jirutti osoo hin taane, mul'ata nu keessa jiru dhiyeessuuf dhalanne!
16. Thank you, Mom and Dad!
17. Rakkinni haa rakkatu.
18. "Namni barate na haa ajjesu" mucaan jette sun qophaa'i dhufaan jiraa.
19. Boriif jedheen booruu dhuge.
20. Kaayyoo okkoluun caba miti.
21. Akka taanu taanee lafa barii galle jette Xaddeen
22. Ka'umsaa koo laaltee hedduu kofalte ga'umsa koo laaltee baga leeyyaate.
23. Obey ALLAH first, success will be next
24. Ciniinnadhee Ciniine
25. Hiuxannaan na qabachisee
26. Abdiin cite ciisee late.
27. Dhugaan hin qallatti malee hin cittu
28. Booyyee waraanamee dugdatti eeboo baatu;nama abdii kutee oliifi gadi kaatu jalaa gorii
29. Murraan ciiswe late
30. Oduun odaa hin jigsu.
31. Galatoomi
Kan hafe Isin ammoo itti guuta

  HAYYOOTAA➊. Albert Einstein - "Namni dogoggora tokkollee hin raawwanne nama waan haaraa hin hojjenne dha."➋. Steve Job...
31/07/2025

HAYYOOTAA

➊. Albert Einstein - "Namni dogoggora tokkollee hin raawwanne nama waan haaraa hin hojjenne dha."

➋. Steve Jobs - "Yeroon kee daanga'aa dha, kanaafuu itti jiraachuu nama kan biraa hin balleessin."

➌. Bill Gates - "Guyyaa milkaa'inaa kabajuun gaaridha. Garuu, fuulleffannoo cimaa guyyoota kufaatii irratti kennuun barbaachisaa dha."

➍. Warren Buffet - "Amanamummaan kennaa baay'ee mi'aa dha. Namoota rakasaa irraa immoo hin eegin."

➎. Bruce Lee - "Yeroo hundumaa dogoggorri dhiifama qabaata, yoo walhubachuun jiraate."

➏. Albert Hubbard - "Waarshaan tokko hojii nama 50 hojjechuu danda'a. Waarshaan kamiyyuu yaada nama tokkoo illee hojjechuu hin danda'u."

➐. Robert Kiosks - "Kufaatiin warra sodaatan naasisa, moo'attoota immoo ni jabeessa."

➑. Abraham Lincoln - "Karaan hunda caalaatti fuuldura kee ittiin tolchitu, fuulleffachuu fi ijaaruu dhaan."

➒. Audrey Hepburn - "Wanti kamiyyuu ni danda'ama."
"Nothing is impossible, the word itself says "I'm possible."

➓. Maya Angelou - "Ani akkan baradhetti waan ati jettu namoonni ni irraanfatu. Namoonni waan ati hojjette ni dagatu. Garuu, namoonni akkamitti akka isaan gammachiifte hin dagatan."

➊➊. Mike Ditka - "Warra Moo'attoota keessaa kan baatu yoo yaaluu dhiifte."

➊➋. Muhammad Ali - "Guyyaa hin lakkaa'in, guyyaan akka lakkaa'aman godhi!"

19/05/2025

Kkkkkkkkk

19/05/2025
06/05/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Xiyyitii Ta Waraa Arsii, Shuguuxii Intaala Sikoo Mandoo

Address

Street
Dire Dawa
NONE

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Cirraacha show posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Cirraacha show:

Share

Category