09/11/2022
๐๏ธ Jaalala waliif qabnuu S*X fi KISSING gochuun waliif ibsina mitii ykn immo suura fi sagalee fedhi wal qunnamtii saala nu keessati kakaasan waliif ergaa, halkaanis ta'ee guyyaa sa'aatii dheera waliif bilbilaa, sin yaade wal argina malee jenne cafe dhokataa fi hoteela dhokataatti wal geessine Wine ykn dhugaati alkoolii qabaan kan nama macheessan buqqisnee isa dhugaa, wal sukkumaa akka wal jaallannu wal hubachiisna utuu hin taane ๐ฏ fageenya keenya sirrittii eegganne Gaa'eela bira amma geenyutti kaayyo qabanne jirruutti
yoo barumsa ta'ee barumsatti akka jabaannuf, yoo hojiirra jirra ta'e hojittii jabannee akka milkoofnuuf
yoo hojii hin qabnuu ta'eesimmo bor guyyaan kan biraadha hojii hin arganna jenne wal jajjabeessaa waliif kadhacha,wal gargaara,wal gorsaa adeemna akkasumaas guyyaa mana tokko keessa wajjin jiraannu immo fedhii fi hawwii guddaadhan eggachuun jaalala keenya isa dhugaa walitti agarsisna.
๐ฏwarqee jette sibillii ati mormaaf harkasheetti keessu, birriin qaba jette wanta isheen barbaddu inni ati bittuuf akkasheen haadha manakee taate si wajjiin jiraattuuf sababa ga'aa ta'uu hin danda'u yoo jaalalli Kristoos ittiin ishee jaalatee isheef gale malee.isa kanaaf dursa sagalee jireenya beeku qabdii.
๐ค Michuukoo guutu ta'ee mitii barreeffama kana kanaan siif barreessu ofitti himaan of sirreessa irraa baracha, sittisimmo hima akka ati of sirreessituuf akka ati barattuuf.
Hafuurri Gooftaa inni sagalee kana eda galgala sa'a 4:28 kaase barsiisa QULQULLUMMAAN WAAQAYYOOF jedhu kan pastor cheren magaala Ambootti barsisee dhaggeffadhee akkan of ilaalu, maal keessa akkan jiruu na hubachisee siifisimmo akkan qooduf inni toora qabsise
Cubbuu ykn amala badaa bartee sitti ta'ee si rakkisa jiruu keessa si baase gara jireenya Qulqulluumatti akka dhuftuuf jijjirama guddaa akka inni sirratti fiduu sirrittin amana.
Yaada tasgabbaa'een, qalbii guutuun dubbisii.
โjaalalli ati keessa jirtuu isa kami, wantoota kana beekta garuu ?
๐ Namni si jaallatuu amma amma sin arga malee j