Olifan Daba

Call Directions Website

Olifan Daba Gaariin Akka Waaqayyoo Hin Jiru!!

19/10/2026

godhi Comment jala seenii jedhii barreessi!

Nuyi garuu, Kristos isa fannifame in lallabna; kun immoo warra Yihudootaatti gufuu dha, warra Yihudoota hin ta'initti immoo gowwummaa dha.
1Qor 1:23

12/10/2026

Dhugaan jirtu kanuma gochuun waliin wangeela haa lallabnu🔥❤️

Obboleessa koo xiqqaa💥❤️
11/10/2026

Obboleessa koo xiqqaa💥❤️

10/10/2026

✌️

10/10/2026

Dhugaadha waan hin barbaachifne baay'ee Share gochaa ooltu. Sagalee waaqayyoo garuu ol ooftu. godhi Comment jala seenii wangeelli mo'aadha jirdhi!

06/10/2026

Kanuma👌

05/10/2026

28/09/2026

Lali kana🥲Ati immoo godhi Comment jala seenii jedhii barreessi

Baga Geessan!🔥🥰
27/09/2026

Baga Geessan!🔥🥰

 👇👇Mucaa hiyyeessa tokkotu karaa irra deema ture. Namicha sooressa tokkotu konkolaataa qabatee itti dhufe. Mucaan sun ba...
25/09/2026

👇👇
Mucaa hiyyeessa tokkotu karaa irra deema ture. Namicha sooressa tokkotu konkolaataa qabatee itti dhufe. Mucaan sun ba’aa baatee deema ture. Yeroo bira ga’u, namichi sun gaddee kilaaksii godhee konkolaataa baneefii, “Seeni, ittiin deemii,” ittiin jedhe. Mucaanis konkolaataa keessa seenee, ba’aa isaa baattatee taa’e.

Sana booddee namichi sun ilaalee, “Maaliif ba’aa kee lafa hin kaattu?” jedheen. Mucaanis, “Lakki, waa’een namaa hin beekamu waan ta’eef. Yoo ‘bu’i’ naan jette immoo, ganaan lafaa goototaa?” jedheen.

Namichi sun aariidhaan, “Dhimmakeetikaa baadhuu taa’i!” jedhee, yeroo balbala konkolaataa cufu, qubni isaa ni dhiige. baay'ee gaddee, “Sooressichi, bu’i narraa! Ati carraa hin qabdu,” jedhee mucaa sana konkolaataa keessaa buuse.

Mucaanis konkolaataa keessaa bu’ee, “Waaqayyo waan godheef qaba. Qubni kee cite kunis waan godheef qaba. Bu’uun koo kunis waan ta'eef qaba Waaqayyo waan godheef qaba,” jedhe.

Namichi sooressi sun konkolaataa isaa oofee, bara’aa tokko keessa ga’e. Gaafas guyyaa waaqa tolfamaaf aarsaa itti dhiyeessan ture. Aarsaan dhiyaatu kunis namni qalamee aarsaan dhiyaata ture.

Namicha sooressa kana naanna’anii qabanii, itti gaafatamaa isaaniitti geessan. Itti gaafatamaanis, “Kun ni ta’aa?” jedhanii gaafatan. Innis, “Hin ta’a,” jedhee itti walii galame.

Yeroo namicha sana qaluuf kuffisan, harki isaa dhiigaa ture. “Har’a dhiigdee?” jedhanii gaafatan. Innis, “Eeyyee,” jedhe. “Maaltu si dhiikse?” jedhanii gaafatan. Innis, “Konkolaataatu na rukute,” jedhe.

Itti gaafatamaanis, “Wanti dhiigni bu'e aarsaa hin ta’u. Gadhiisaa!” jedhe.

Namichi sooressi sun konkolaataa isaatti deebi’e. Yeroo sana waan mucaan sun, “Waaqayyo waan godheef qaba,” jedhee ture yaadate. “Otoon qubni koo hin dhiigine ta’ee, yoona qalamee aarsaa ta’een ture,” jedhee, konkolaataa isaa naanneffatee gara mucaa sanaatti deebi’e.

Ammas mucaan sun ba’aa isaa baatee deemaa jira. Namichi sooressi sun konkolaataa isaa naanneessee dhaabee, “Kootu, seeni,” jedhe.

Mucaan sun, “Ammasumatti deebitammoo?” jedhee gaafate.

Namichi sooressi sun, “Eeyyee, deebi’eera. Yeroo qubni koo dhiige, ‘Waaqayyo waan godheef qaba’ hin jenne ati?” jedheen.

Mucaan sunis, “Eeyyee, jedheera,” jedhe.

Namichi sooressi sun waan achitti isa mudate hundumaa itti hime. Mucaan sun, “Haalleluuya!” jedhee ol utaalee, “Ammas Waaqayyo waan godheef qaba!” jedhe.

Sooressi sun, “Maaliif?” jedhee gaafate.

Mucaan sunis, “Osoon si waliin deemeera ta’ee, siinoo dhiiga sirratti arganii si dhiisanii, yoona anatu qalamee aarsaa ta’a ture,” jedhee Waaqayyoon galateeffate.

Walumaagalatti, ergaan koo: Waaqayyo waan hundumaa yeroo siif ta’us, ‘waan godheef qaba’; yeroo siif hin taanees, waan godheef qaba.’ Kanaaf, waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffachuu haa amaleeffannu.
✍️Olifan Daba Lafa nagaa bulaa.

Address

Ambo
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Olifan Daba posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share