Bilisummaa sammuu

Bilisummaa sammuu Yesus jireenya

16/12/2023

Check out Diriba Guta's post.

18/05/2023

(sanduuqaKakuu)

Waaqayyoo sirna waaqeffannaa Kakuu moofaa fi kakuu haaraa gidduutti garaa garummaa uumeera. Bara kakuu moofaatti humni Waaqayyoo inni sodaachisaadha jedhamu kan irratti argamuu fi aaboo guddaa qaba jedhamee abdatamu sanduuqa kakuu (Taabota) irratti argama. Taabonnis humna dhugaa daangaa jireenyaa keessatti nama eegu irratti argamuu fi ajaja Waaqayyoon kan argame ta'uun isaa wal nu hin falmisiisu. Haa ta'u malee Waaqayyo karaa ilma isaa Yesuusiin duraa duuba wantichaa jijjiireera.
👉WWaaqayyo imaammata fayyinaa jijjiireera. Kana immoo ragaan isaa Sanduuqa kakuu isa ammaa fi isa durii irraa hubachuu ni dandeenya.

TAABOTA ISA DURII

1.
Sanduuqa kakuu isa durii Iyyaasuunfaa humna isaatti fayyadamanii galaana yoordaanosiin gargar hiranii ittiin ce'aniiru. Dhuguma yeroo sanatti humna galaana hiru mitii humni du'aa kaasuu iyyuu taabota irra buufatee jira. Kanaafuu bara kakuu moofaatti humna sanduuqa kakuu sanatti fayyadamanii galaana riiqicha hin qabne ce'aniiru. Iyaasuu 3:13

2.
Humni saanduqa kakuu isa durii booji'amee Waaqa tolfamaa wajjiin waliin dorgomsiisuuf jennaan mataan akka garagalu godheera. Humni kuffisuu Waaqayyoo taaboticha irra buufatee jira.1Sam 5:3

3.
Sanduuqa kakuu bara Daawit Mootii lafa booji'amee fuudhanii utuu galanii namichi konkolaataa sanduuqa kakuu baatu oofuu konkolaatichi gufannaan tuquuf itti hiixatee achumaan rukutamee du'e. Hamma namni Waaqayyootti hiixatu hundinuu rukutamutti sanduuqichi Waaqummaa Waaqayyootti fakkeeffamaa.1Seba13:9-10

4.
Yerosuma mana biyya Gaat Obed-edoom jedhamuutti qabanii jennaan manichuma taa'ee eebba mana namichaatti harkise. Yeroo muraasa booda sababii manicha keessa sanduuqi kakuu jiruuf eebbaaf manichi garatti garagalu dhabe. Sanduuqa kakuu isa durii irra humna eebba kennutu jira.1Senba13:14

TAABOTA ISA AMMAA

1. .
Humni ittiin gaalana cubbuu ce'anii jireenya haaraatti darban ilma Waaqayyoo yesus kiristoos qofaadha. Inni galaana jireenya garasitti ilmaan namootaa ittisaa ture sana gargaarsa nama tokkoo malee gargar hiree addunyaa hundumaaf karaa irra ce'anii abbaatti bahan saaqeera. Humni bara kakuu moofaatti Sanduuqicha irra ture ilma isaa yesuus irra waan buufateef inni har'a mana amantaa tokko tokko keessatti argamu sirna fayyinaa osoo hin taane "iddoo abbaa koo hin gadhiisu jettee injiraanni moluu irratti hafte" isa jedhan sanadha.

2.
Utuu Abbaan arge hate; gurgurate; jedhanii argina. Isa dur itti hiixataniiyyuu du'an amma immoo hatanii gabaa baasanii gurguratu. Kun amma humna Waaqayyooti jennaare? Kana jechuun yaada namaati malee humnichi irra hin jiru jechuudhaam. Dhuguma inni dur hin hatamne sun amma iyyuu jiru garuu lafa inni jiruu fi akka inni Itti jiruu wallaalanii akka warabessa jaartii malee. Kanaafuu inni hatamu imaammata Waaqayyoo wajjiin jijjirameen akka hin hatamneetti laphee warra fayyanii keessa taa'ee jira.

3.
Dur mana qulqulluummaa keessa taa'a. Amma garuu laphee keessa taa'a. Ammayyuu warra mana qulqulluummaa keessaa isa sanduuqa sana qaban jalaa inuma hatama. Warra fayyaa isaa laphee keessaa qaban jalaa garuu hin hatamu. Sanduuqi inni humni Waaqayyoo irra jiru gamoo keessa ykn bataskaana keessa miti laphee namaa keessa jira.

4. .
Dur Waraanniyyuu hin sodaata Waaqayyoo ittiin loltoota warra isiraa'eliin loluu dhufan moosiseera. Amma garuu waraanaan eegaama. Firakoo Waaqayyoo garaa garummaa godheera. Sanduuqni kakuu kun isa sagaleen foon uffatee gara biyya lafaa dhufedha. Taabotni keenya goofticha keenya Yesuusi. Haaromsa Waaqayyoo duuka siqii lubbuu kee haaromsa fayyinaatti michoomsi eebba gooftichaa simadhu.

02/02/2023

Addisuukoo warri har'a beela'an .....
Follow my page

02/02/2023
31/01/2023

Ilma Abbaa Gadaa with his cultural style...

14/01/2023

Yaa Oromoo

27/12/2022

Salvation only by jesus

Address

Addis Ababa

Opening Hours

08:12 - 17:00

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bilisummaa sammuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category