14/07/2025
أَمِيرِ المُؤمِنينَ أَبي حَفْصٍ عُمَرَ بْنِ الخَطَّابِ قَالَ : سَمِعْتُ رَسُولَ اللهِ ﷺ يَقُولُ : " إِنَّمَا الأَعْمَالُ بِالنِّيَّاتِ ، وَإنَّمَا لِكُلِّ امْرِىءٍ مَا نَوَى ، فَمَنْ كَانَتْ هِجْرَتُهُ إِلى اللهِ وَرَسُوله فَهِجْرتُهُ إلى اللهِ وَرَسُوُله ، وَمَنْ كَانَتْ هِجْرَتُهُ لِدُنْيَا يُصِيْبُهَا ، أَو امْرأَةٍ يَنْكِحُهَا ، فَهِجْرَتُهُ إِلى مَا هَاجَرَ إلَيْهِ " رواه إماما المحدثين أبو عبدالله محمد بن إسماعيل بن إبراهيم بن المغيرة بن بَرْدِزْبَهْ البخاري ، وأبو الحسين مسلم بن الحجَّاج ين مسلم القشيري النيسابوري ، في صحيحيهما اللَذين هما أصح الكتب المصنفة
Ajajaa Mu’uminaa, Abuu Hafs Umar bin Al-Khaxxaab irraa odeeffamee [r.a] ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii [s.a.w] jedhanuun dhaga’e: “dalagaan kan sirrii ta’ee argamu niyyaadhaani. Nama hundaafuu wanta inni niyyatetu jira. Namni godaansi isaa (niyyaadhaan) gara Rabbiifi Ergamaa isaa ta’e, godaansi isaa (mindaadhaanis) garuma Rabbiitiifi Ergamaa Isaati. Namni godaansi isaa gara duniyaa ishee argatuu yookiin dubartii ishee fuudhuu taate godaansi isaa (mindaadhaanis) garuma waan itti godaaneeti.”
Yaadan Umdat Al-ahkaam keessatti haasa’e deebiseen asittis dubbadha. Hadiisni kun Islaama keessatti seera bu’uuraa guddaa ta’e of keessaa qaba. Innis niyyaa yoo ta’u, madaalli dalagaa isa irratti hundaa’a. Niyyaa bakka lamatti qooduun ni danda’ama. Isaanis: Ikhlaasaafi niyyaa dalagaa ittiin adda baasanuudha. Ikhlaasa jechuun waan dalaganuun mindaa Rabbiin bi- raa barbaadanii dalaguudha. Namni ikhlaasa qabu akka wanti Rabbiin bir