Baruke Lema Efa

Baruke Lema Efa Nagaan waaqayyoo isiniif haa bayya'atu,Baga gara page kootiitti nagaan dhuftan

25/09/2023
↪️Hin hawwiin, akka Addaam garbicha Diyaabiloos taata. S.Uma 3:1-8↪️Hin goomatiin, akka Qaayel obboleessa kee ajjeesta. ...
15/09/2023

↪️Hin hawwiin, akka Addaam garbicha Diyaabiloos taata. S.Uma 3:1-8

↪️Hin goomatiin, akka Qaayel obboleessa kee ajjeesta. S.Uma 4:1-8

↪️Hin machaa'iin, sammuu kee wallaaltee waan hin taane hojjetta. S.Uma 19:30-38

↪️Addunyaa hin ilaalii, akka haadha manaa Loox ashaboo taatee hafta. S.Uma 19:26

↪️Abbaa keetti hin kolfiin, akka Kaam abaaramta. S.uma 9:25

↪️Morka hin qabiin, akka Fara'oon liqimfamta. S.Bah 14:28

↪️Sobaan ragaa hin bahiin, akka Haamaa boolla ofumaa qopheessite keessa buuta. K.Aster 7:1

↪️Of hin tuuliin, akka Senaakireem kufta.2Mot 19:35

↪️Hiriyyaa hamaa hin hordofiin, akka Soomsoon harka diinaatti kufta. K.Fakn 16:15

↪️Hin ejjiin, akka Solomoon waaqa kee irraanfattee waaqa tolfamaa akka waaqeffattu si taasisa. 1Mot 11:1-8

↪️Aangoo hin jaallatiin, akka Abishaloom abbaa kee irratti kaata. 2mot 15:13-17

↪️Qarshii hin jaallatiin, akka Yihuudaa gooftaa kee si haalsisa. Mat 26:14-16

Ulfinnis Galannis kan waaqayyooti !!!🙏💞💘

Jalallaa Yesus🙏
14/09/2023

Jalallaa Yesus🙏

11/04/2023

Watch, follow, and discover more trending content.

03/04/2023

Uma. 12
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Waaqayyo gaaf tokko Abraamiin, "Biyya kee keessaa, lammii kee keessaa, maatii abbaa kee keessaas ba'iitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi!
² 'Ani saba guddaa sin godha, sin eebbisa, maqaa kee nan guddisa, eebbas in taata'.
³ Warra si eebbisan nan eebbisa, warra si salphisan nan abaara, qomoon biyya lafaa irraa hundinuu sababii keetiif in eebbifamu" jedhe.

01/04/2023

💞🥀🖐

New AlbumSinger Solomon AlemuComing soon
01/04/2023

New Album
Singer Solomon Alemu
Coming soon

31/03/2023

Itiin Ebbifammaa

Waaqa Nu JaallateefGoota Qaraaniyoo isa nu jaallaateDu’a isa nuuf maluu kan nurraa darbateNu waame kiristoos inni nun ji...
31/03/2023

Waaqa Nu Jaallateef

Goota Qaraaniyoo isa nu jaallaate
Du’a isa nuuf maluu kan nurraa darbate
Nu waame kiristoos inni nun jibbinee
Galata galchaafi isaan ifa arginee

Arjummaan isaa hin dhumuu araarrisaa danuu
Namaan yoo jibbamnes kiristoos nun ganuu
Kenninee hin dandeenyuu oolmaan isaa kumaa
Uumaakoo ulfaadhuu ati yoomuu addumaa

Ha kaasnu maqaasaa ha waamnuu guddisnee
Isaaf dhugaa baana ifatti mul’isnee
Ragaa nuuf ba’a innis fuula abbaasaatti
Waaqa nu jaalateef ililleen hin xiqqaatti

Isatti kennina ba’aa keenya maraa
Jabaadha obbolaakoo wal cimsaa adaraa
Karaaf daandii dhiphaan golli qulqullootaa
Balballi fayyinaa baqaan cubbamootaa

Teewayidoo qabadhaa jiraadhaa namootaa
Kennaa kiristoosiif maqaasaa olkaasaa
Ilmi maariyaamii heedduudha oolmaansaa
Ba’aa ba’aa caaluu isa nuti hin baannee
Nurraa fuudhee gatee kiristoos nun gannee

Hin ganuu an waaqakoo isatu naaf jiraa
Dhaamsa xiqqoon qabaa dhaga’aa yaa firaa
Kadhaadhuu cubbuukeef hin ciisin gonkumaa
Yeroon qaba hin jedhiin otuu raftuu dhumaa

Har’aa yeroo nagaa yeroo humna qabdu
Hundumaa hin raawwattaa homaallee hin dadhabduu
Hin haftu akkanattii dadhaabbinis jirtii
Utuu ati hin beekin barittiin sii dhuftii

Dammaqi maaf raftaa hirriba dullumaa
Himadhu cubbuukee maaf jettaa callumaa
Yoo himatte malee cubbuukee dhossitee
Fayyina hin argattuu foonkee ofitti goobsitee

Hubadhuu dargaggoo hin laalin waan baraa
Yaadi lubbuukeetiif deebi’i adaraa
Si waama kiristoos inni yoom si dagatee
Ililchii waaqakeef tola si jaallatee

Akka si eeganiif gartuu ergamootaa
Sii jaabeessuuf jecha gare qulqulloota
Nuuf hundaa nuuf kennee laalaa yaa namootaa
Nun jibbu ilmi maariyaam hedduu nu jaallataa

Qabadhuu fannookee hin gatiin tasumaa
Isatuu si eega galgalaaf ganamaa
Waaqayyoo dhiigaasaa irratti lolaasee
Fayyinaaf si dhaabee rakkookee mancaasee

Art
01/01/2023

Art

Address

Center
Adama
4289

Telephone

+251917162034

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Baruke Lema Efa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Baruke Lema Efa:

Share

Category