11/01/2024
Obsaan naaf dubbisaa!
Comedian Lij Yared (Yaared Zalaalam Baalchaa)
Waggaa torban ammaa ture obboleessa koo Artist Haacaaluu Hundeessaan wal arguuf wal beellamne. Comedian Lij Yaared waliin dhufanii wal argine.
Sana dura ani Lij Yaared hojii comedy isaa hedduu jaaladhus eenyummaa isaa gadi fageenyaan hin beekun ture.
Haaceen “Ittoo mucaa kanaan wal baraa ilma Oromooti Finfinneetti dhalatee guddate nama cimaadha jajjabeeffachuu qabna” naan jedhe.
Anis hojii comedy isaa akkan hedduu jaaladhu itti himee guyyaa sana waliin turre.
erga guyyaa sanaatii deddeebinee wal arginee hedduu walitti dhihaanne. Lij Yaared nama naamusa qabu, gara laafessa, nama nama kabaju, nama eenyummaa isaan boonu, abbaa ogummaa Comedy, ogummaa Fakkii, Bobboca, Muuziqaa, bineensota bosonaa namni ijaan arguullee sodaatu akkasumas bineensota waliif diinaa mana tokko keessa mitii naannoo tokkoyyuu jiraachuu hin dandeenye ofitti madaqsee, walittis madaqsee qabeenya uumamaa naannoo irratti hojjechuun nama kennaa addaa qabu akka ta’es kanan bare yeroo sana ture. hedduu walitti dhihaanne. haasaan isaa hundi qoosaa haa fakkaatanii nama kolfisiisan malee ergaa guddaa of keessaa qabu.
Hojii aartii inni hojjetu ilmaan habashootaa akka malee isa dinqisiifatan biyya keessaa fi biyya alaatti iddoo gurguddaatti agarsiisa adda addaa hojjetaa biyya Ameerikaatti hojii comedytiif deemee fakkii kaasuun dorgomee injifatee badhaafamuu fi biyya keessattis badhaasota garaa garaa Muummicha Ministeeraa fi Pirezedaantii biyyattii duraanii harkaa nama fudhachuu danda’e kennaa addaan uumaan badhaasedha.
Lij Yaared haala kanaan ogummaa isaan osoo hojjechaa jiruu ilmaan alagaa Oromoo ta’uu isaa gaafa baran jechoota arrabsoo adda addaa eenyummaa isaa xiqqeessu itti darbachuu eegalan.
Sagantaa adda addaa irratti ilmaan alagaa warruma Yaared harka qabee ogummaa isaan leenjise dabalatee warri jibbiinsa Oromoo qaban dhiibbaa hamilee isaa buusu heddu irratti raawwatan.
Erga haala isaanii hubatee booda xumura bara 2017tti gaaffiif deebii JTV irratti dhihaatee Odaa guddaa morma isaatti kaawwatee dhaqe.
“Kan morma keetti kaawwatte kuni maali” jedhanii gaafannaan “Ani ilma Oromooti kan morma koo irraa Odaadha ibsituu eenyummaa kootii”jechuun deebiseefii ture. Lij Yaaredis Itoophiyaawinnatiin isaan jedhan Oromoo fi Oromummaa akka hadheeffatu caalatti yeroo sana kan hubate.
Innis Itoophiyaawinnatii isin leellistan Oromoo fi Oromummaa balaaleffattu fudhadhaa qilee seenaa Anis Saban qaba, anis biyyan qaba jedhee kan dugda isaanitti laatee isa durii caalaa gara Oromoo fi Oromiyaatti fuula isaa guutumatti naanneffate.
Yaared alagaa biraa kabajaa fi maallaqa guddaa argachuuf jecha eenyummaa isaa hin osoo hin dhoksin faayidaa isaan biraa argamtu cinaatti dhiisee eenyummaa isaaf dabarsee of laate. hojiiwwan isaa sana booda waan Oromoo fi Oromiyaa ibsu hedduu hojjechuun sagantaa Oromoo hedduu bareechee jira.
Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti lafa Heektaara 40 ol ta’u iddoo duraan xuraawaa adda addaa itti gatamu qulqulleessuun parkii ajaa’ibaa hojjetee Bineensota garaa garaa walitti madaqsee akka iddoo daawwannaa ta’uuf hojjetaa ture.
Warri mataa ol qabachuu isaa hin jaalanne ilmaan alagaa irraa adabachuu hin dandeenye.
Miidiyaa hawaasaa garaa garaa irratti arrabsoo hedduun itti duulan.
Innis arrabsoo arrabsumaan deebisaa ture. Wanti kuni dhawaata hammaachaa dhufe. isa dhuunfadhaan arrabsuu bira darbanii uummata bal’aatti darbanii eenyummaa isaan arrabsaa turan.
Maatii isaa faanas walitti dhihaanna waan ta’eef na waamanii irra deddeebinee arrabsoo isaaniif akka deebii hin laanne gaafanne.
Tole jedhee dhiise. oolee bulees yeroo inni miidiyaa hawaasaa facebook fi TikTok irratti live seene arrabsoon itti cime obsee yeroo dadhabe deebii wal fakkaataa deebisaaf.
Anis irra deebi’een dhuunfadhaan ofitti waamee ati osoo isaan caaluu baattee jarri kun sin arrabsanii dhiisi waan isaan ittiin caaltu hedduu qabdaa ogummaa keen iddoo guddaa geessee inaafsisuu dandeessaa hojii eegaltetti xiyyeeffadhun jedheen.
“Kana booda live hin seenu yoon seenes deebii isaanif hin laadhu”jedhee waadaa naaf galee guyyoota muraasaf online irraa fagaate.
Waa bubbulee itti deebi’e. waadaa waan nuuf galeef nu dhokatee seenee waan ta’e dudubbatee baha. isaanis itti duulan, innis isa duraatii olitti deebii laachufii eegale. Inni beekamaadha maqaa isaa sirriin dubbata. isaan dhokatanii account sobaa (fake account)n dubbatanii isa aarsu. hiriyaa koo akka obboleessaatti jaaladhuu fi waan kamiiyyuu yoon jedheen maatii isaa caalaa na dhagahu dhimma kana irratti garuu of too’achuu fi na dhagahuuf humna dhabe.
Oromoon safuu qabaa arrabsoo hin beeku ani arrabsoo isinuma irraayin baree hoodhaa waan keessan fudhadhaa jechaa ture. Dubbiin jabaachaa dhufee arrabsoon gara amantaatti ce’aa dhufe. gaafa sana egaa kaayyoon ilmaan alagaa kan galma gaheef. Oromoo inni itti dheeffetu amantaa koo tuqxe jedhee warra alagaa caalaa itti duule. Yaared amantaa arrabsuun alagaaf missiraachoo ta’e. jaalala amantaaf miti. nama eenyummaa isaa jibban saba isaa itti duulchifatan, ogummaa isaa irraayis gufachiisan. Agartanii?! amantaan Oromoof amantaa qofa. alagaaf immoo qa*wee ittiin Oromoo wal rukuchiistudha.
isaan xiyyeeffannoon isaanii guddaan kaayyoo isaa irraa gufachiisuu fi sabni ati itti dheeffite kuni wabii siif hin ta’u isa jechaanii turan hojiin agarsiisan.
Lij Yaared miira keessa galchanii arrabsoo amantaa dubbate Oromoon itti duullaan dhiifama gaafate. Alagaa caalaa Oromootu dhiifamni siif hin malu jedheen. gaafa amantii namaa xiqqeessan homaa itti fakkaachus baatu namni hedduun biyya keenyaa dhimma amantaa irratti dhiifama hin beeku.
Amantaan dhiifama hin lallabne garuu hin jiru.
Amantaa dahoo godhattee ykn amantaa wabeeffattee ilmaan alagaa akka feete yoo taate namni gaafatu hin jiru. gaafa Oromoo ta’e garuu lafatu garagla. seerris gaafasuma olaantummaa isaa agarsiisa.
Lij Yaared amantaa arrabse jedhameef dhiifama gaafatee ture. ni didame. dhiifamni yoo hin godhamneef garuu yakkamaa ta’ee argamnaan seeraan gaafatama malee sababni hammeenyi adda addaa irratti raawwatamuuf hin jiru.
Yaared waraanni mootummaa hedduun mana jireenyaa isaa cabsanii seenun erga too’annoo jala oolchanii booda reebicha daangaa hin qabne irratti raawwatan. Konkolaataa gubbaatti erga fe’anii reebuu qofa osoo hin taane rifeensa isaa irraa cicciran. du’uu qabda jedhanii itti dhaadatan. kuni ajaja eenyutiini. hundi isaanii saba biraati. aangoon isaanii nama shakkame too’anoo jala oolchuu bira hin darbu. tarkaanfiin fudhatame garuu jibbiinsa eenyummaa isaa irratti kan xiyyeeffateedha.
Mana hidhaa keessatti gaafachuuf deemee guyyaa sadi dubbisuu hin dandeessu jedhameen guyyaa 4ffaatti gargaarsa namaan argadhe.
Lij Yaared amma murtii tokko malee mana hidhaa keessatti ji’a 5ffaa dabarsaa jira.
Nutis isa jarri Oromoon wabii siif hin ta’u jedhanii arrabsaa turan isatti dugda laannee ragaa baanefii jirra.
“Dhimma isaa namoota fala ta’uu laata jedhee gaafadhe hundi dhimma isaa warra oliitu qabatee jira” jedhu.
Yaa warra olii! warra ol hin ilaalle, mee isa gadi isin ilaaluuf jedhaa obboleessa keenya fi fakkaattota isaa shiraan kiyyeeffaman quba nuuf qabaadhaa!