08/22/2026
Haqni Abbaan Tola!
!
Baha Oromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Maayaatti Kutaa magaalaa Hammarreessaati!
Hammarreessi Lafa Seenaa Goototni Oromoo meeqaatamni sirnootaa dabraniin itti rashanamaa turanii dha. Waan taheef nuuf lafa seenaati!
Duraan bakka tana Harariitu Generaaloota Wayyaanee wajjiin tahanii waggoota 30 oliif akka barbaadetti daangaa bulchiinsa magaalaa Aawwadaay haalaan keessa ol seenanii taappeellaa Hararii ja'u dhaabbatanii bulchaa turan.
Yeroo ammaa garuu hanga tokko Bulchiinsi magaalaa Maayaa hanga Riqicha Kaampii cinaa bakka Faabirkaan Zeeyta Hammarreessaa jiru sanatti haala kana fakkaatuun qabsoo bulchiinsi mMaayaa godhaa jiruun yeroo akkanatti hojjatamaa jiraachuu agarrutti haalaan tan fuula duraatifis abdii namatti hora.
Tahuus garuu ammallee qabsoon ganaa isin eeggata waan taheef haqni abbaan tolaati jabaadhaa.
Dhugaan kanaati fudhadhu!