Michuu Firoomsa Taajuddiin Amad Saidoo

Michuu Firoomsa Taajuddiin Amad Saidoo Feen waan Firo

30/08/2025
Dursa ofiif kenni.  Tarree dursa kennituu irratti of kaa'i, siif mala.  Ofittummaa hin qabdu, Qabee warra kaanii keessa ...
31/07/2025

Dursa ofiif kenni. Tarree dursa kennituu irratti of kaa'i, siif mala. Ofittummaa hin qabdu, Qabee warra kaanii keessa of naqxee jirta, akkasumas hunda kee namoota biroof itti fufiinsaan kenniteetta— amma ofii keetiif sana godhi. Fedhii fi miira kee hin tuffatin, ati dhimma qabda. Dandeettiin ati namoota biroof achitti argamuun kee eebba guddaa fi mirga isaaniif ta'a, amma of filadhu. Namoota biroo biratti dinqisiifannaa gadi aanaa fi tuffatamuu waan obsuu qabdu miti. Namoonni galata hin qabne akka abdii si kutachiisan hin hayyamiin, xiyyeeffannoo fi kunuunsa sana amma of irraa kaa’i. Garaa dhugaa namaaf yaadu qabaachuun yeroo hundumaa eebbaa fi meeshaa baay'ee hin argamne dha, kana gonkumaa hin dagatinaa. Jabaadhu ayyaana sana garaa kee keessatti qabattee of baachuu itti fufi, ati lubbuu bareedduudha.

25/07/2025

Nama jaalattuu wajjiin yoo hin taane yoomuu dheebuu jaalalaa hin baatu.♥️

Osoo qaamaan bakka biraa jirruuti qalbiin jaalalaa bakka biraa nu jirti.💔

Hunduu ni dabra, dhiisii odoo wal jaalannuu wal hin dhabnuu dheebuu jaalalaatiin miidhamaa jiraannaa💝

25/07/2025

- Hin danda'amuufi malee Osoo daqiiqaa tokkoof Onnee Kiyya keessa seentee Jaalala Ani siif qabu Agartee Hawwii Kiyya ture ❤️

Yoomuu sin yaada(ዮmuu cን yaaዳ)Jaalladhee kanan hin jibbine, amanee kanan hin shakkine,abdii fuuldura koo,eegduu iccitii ...
25/07/2025

Yoomuu sin yaada
(ዮmuu cን yaaዳ)

Jaalladhee kanan hin jibbine, amanee kanan hin shakkine,
abdii fuuldura koo,
eegduu iccitii koo
tokkittii garaa koo
jaalallee onnee koo

Urjiin ji'a miti ni calaliiti malee
danda'ee siif hin obsu of sossobuuf
malee

Agartuu ijaa koo kan Yeroo dukkanaa ibsituu jiruu koo tokkittii hanga kumaa baayyee si yaadeera ammas siifan hima

sekondiif daqiiqaa gidduuttin si yaadadha Walakkaa halkaniittin si abjoodha Walakkaa Onnee Koo irran sikaawwadha Sababiin Isaas baay'een si jaaladha

Sinbirri Xiqqoodha Qilleensa Keessa balaliiti Jaalalli finyoodha walitti nama hiiti

Waanan si jaalladhuufin akkasitti siif barreesse jaalala an siif qabu hin fixu barreessee

Address

Kurfa Ch'ele

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Michuu Firoomsa Taajuddiin Amad Saidoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category