Olyd page

Olyd page Where

‎           •••••••••••••••••••••••••••••••‎ koonfiraansii Afuura guddaa  waldaa warraa luteraan Ethiopiatti Magaalaa Al...
08/02/2026

‎ •••••••••••••••••••••••••••••••
‎ koonfiraansii Afuura guddaa waldaa warraa luteraan Ethiopiatti Magaalaa Algaatti Keessatti gaggeeffama jiru Sagantaa Guyyaa 3ffaa fi isaa xumuraa Haala addaa ta'een egaleera.
‎ ~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~

@@@@@@@@@@@@@@@Waaqayyoo Koonfiraansii Galgalaa kanaatii Hojii Addaa nuuf  Hojjetee ..
07/02/2026

@@@@@@@@@@@@@@@
Waaqayyoo Koonfiraansii Galgalaa kanaatii Hojii Addaa nuuf Hojjetee ..

Deeggartootni Guddicha London Baga Gammaddan! London Diimaa dha 🔴🔴🔴"I Belong To Jesus" Gabri’eel Jesuustu jedhe. Mootiin...
30/12/2025

Deeggartootni Guddicha London Baga Gammaddan! London Diimaa dha 🔴🔴🔴

"I Belong To Jesus" Gabri’eel Jesuustu jedhe.

Mootiin Set-Pieces deebi'eera. Halangeen adabbii Super Big Gabii, Ijoollee Unai Emery haleeluun waxale. Dirree garafe. Magaalishtu dhufe; ayyaantummaan Gunners ni deebite.

Dhukaastotni akkuma maqaa isaanii turan. Keessumaa immoo, boqonnaa booda raajii uuman. Ijoollee Unai Emery walii wallaalchisuun, washaakkachiisan. Sodaatiin mogolee raasanii, bitaafi mirgaan isaan erbanii, dhimbiiban. Mootiin Set-Pieces deebi'uu isaa, gochaa isaatiin mirkaneesse.

Jesus Striker tahuusaa ifoomse. Trossard akkuman guyyaa har'aa jedhe, miila lamaan gidduu kubbaa hulluuqsise. Kana qofaa miti, Maartiinez daaraa godhe. Kubbaa wajjin wal hanqise. Liyaandroo Tiroosaardii urjummaa isaa mirkaneesse.

Akkaafi bakka, wallaalan. Caalmaa guddaatiin, injifannoo hawwattuu gonfatan. Haaloo, garaa laafummaa hinqabneetiin, akka hinjirre godhan. Quufashee irraa galchan. Ofitti amanamummaa qaban, boqonnaa booda daran guddisuun, onnee isaanii akka dhadhaatti baqsan. Kun Emirates Stadium dha. Raayyaan raayyummaa isaa mirkaneesse. Big Gabiin eenyummaa isaa amansiisee firaafi diinatti mul'ise.

Kubbaa jalqabaa, Saakaan rukuttaa rogaarra rukute. MAGAALISH kiyyootti kubbitti dire. Odegaard kubbaa ajaa'ibaa Zubimendiif buuse. Mi'eessituun kun, hafuura hinbaafachiisne. Kiyyootti kubbaa dire.

Timbeer kubbaa ajaa'ibaa Liyaandroo Tiroosaardiitiif buuse. Kaameeraa sammuu isaa keessatti bakka kiyyoon dhaabbattee jirtu waan hubateef, kubbaa fuudhee keessa calaase. Dhimmasheeti. Achii haa fudhatan. Gabriel Jesus akkuma seenee kubbaa tuqeen, kiyyootti ishee dire. Kanumaan kana taate, ijoolleen Unai Emery.

Odegaard Maartinezitti hammam akka isaaf qophaa’e itti agarsiise. Zubimendiin kubbaa hawwattuu isa dhamdhamsiise. Raayyaan dirree walakkaa dhaabbatee qofummaa dagate. Bakka Jeneraal Mikeel Arteettaan dhaabbatee, ijoollee qajeelchu dhufee kubbaa deebisaa ture. Kubbaa dhumarra deebise immoo

👉Breaking ‼️Tamsaasni Televizhiinii biyya keenyaa OBN irraa kan hafe sababa jijjiirama qilleensaa olaanaa naannawaa Isra...
14/11/2025

👉Breaking ‼️
Tamsaasni Televizhiinii biyya keenyaa OBN irraa kan hafe sababa jijjiirama qilleensaa olaanaa naannawaa Israa’elitti mudateen humni teelee poortii dhaabbata saatalaayitii dhiyeessu ‘SES’ addaan citeera.

Sababa Kanaan tamsaasni Televizhiinii buufataalee televizhiinii biyya keenyaa hedduun adda citeera. Tajaajilicha deebisuuf hojjetamaa jira.

Onkololeessa 28/2018Godina Harargee Bahaa Aanaa Qarsaatti taatee Aja'ibaa, Daa'imaa Dhalatte gara jabinaan darbamte  laf...
13/11/2025

Onkololeessa 28/2018
Godina Harargee Bahaa Aanaa Qarsaatti taatee Aja'ibaa, Daa'imaa Dhalatte gara jabinaan darbamte lafa argamte yeroo namootaan Fudhamte waajjira poolisii Aanicha geeffamtu /Ol 'imaa kana jedhamtu haala daa'imti suni keessaa jirtu gaafa hubattu garaan ishee dadhabee harma ishee hoosisuun lubbuu daa'ima gara jabinaan gatamtee baraaruu dandeesse jirti.

"Miira haadhumaa gochaan dhugoome" Saj/Ol 'imaa Galatoomi! Galata guddatu siif mala.
Fi

13/11/2025
Gabriel jesuus erga miidhqme ji'a 10 ta'eera. Kai Havertz bara kana taphoota 16 irratti hin hirmaanne  Noni Madueke taph...
13/11/2025

Gabriel jesuus erga miidhqme ji'a 10 ta'eera.

Kai Havertz bara kana taphoota 16 irratti hin hirmaanne

Noni Madueke taphoota 12 irratti hin hirmaanne

Maartiin Ødegaard taphoota 8 irratti hin hirmaanne

Gabri'eel Maartineeliin taphoota 3 irratti hin hirmaanne

Wiliyaam Saaliibaan taphoota 2 irratti hin hirmaanne

Viktor Gyökeres hanga ammaatti taphoota 2 irratti hin hirmaanne

Arsenaal ammallee liigii dursaa kan jiru yoo ta’u, bara kana Chaampiyoonsi Liigii Awrooppaan hanga ammaatti taphoota afranuu injifachuun isaa ni yaadatama.

Tapha tokko qixa bahuun keenya baay'ee isaan gammachiiseera.😅

isaan ammoo tapha 3 ykn 4 wal duraa duubaan gareen isaani gaafa garafamu Normaliidha jedhu
mee Xiqqoomashee saalfadhaame 🫢

13/11/2025

Qabeenyii Qabeenyaa caaluu waaqayyoon qabachuudha

🩸   Dhibee  yeroo ammaaf  Naannoo Kibbaa, Magaalaa Jinkaa keessatti  mul'ateDhibee Hamaa Ta’e Garuu Ofirraa Ittisuun Dan...
13/11/2025

🩸

Dhibee yeroo ammaaf Naannoo Kibbaa, Magaalaa Jinkaa keessatti mul'ate
Dhibee Hamaa Ta’e Garuu Ofirraa Ittisuun Danda’amudha.

Maaliif Heemoreejik Fiiverii jedhame? Hoo'insa qaamaa fi Dhiiga qaama keessa dhangalaasuun waan mul'atuuf.
Kanaafuu Namni tokko yoo ho’a qaamaa fi dhiiguu qabaate, gara buufata fayyaa saffisaan geeffamuu qaba.
Maalitu namatti fidaa? Yeroo hedduu vaayirasiin dhufa.

Fakkeenya vaayirasoota kana keessaa:
❌️Ebola Virus
❌️Lassa Fever
❌️Crimean-Congo Hemorrhagic Fever
❌️Yellow Fever
❌️Dengue Fever
❌️Rift Valley fever
❌️Marburg Virus fi kkf
Dhibeen kunneen biyyoota Afrikaa, Eeshiyaa fi naannoo ho’a qaban keessatti argamu — akkasumas biyyoota akka Itoophiyaa fi naannawa ishee keessatti illee ni mul’atu.

⚠️ Akkamitti Dhibeen Kun Tamsa’a?
Vaayirasoonni garaagaraa karaa garaagaraatiin tamsa’u, garuu haala waliigalaa karaan tamsa’uu danda’u:
🔸️Bineensaa/Wantoota nama hin taane irraa gara namaatti: fkn jaaldeessa, Simbirroo, hantuutaa fi kkf
🔸️Foon bineensota dhukkuba kana qaban nyaachuun yookaan harkaan qabachuun.
🔸️Ilbiisotaan ciniinamuutiin fkn Mosquito kan jedhamtu
🔸️ Nama irraa gara namaatti:
dhiiga, yookaan dhangala’aa qaamaa dhukkubsataa qaqqabuun.
🔸️Aadaa/sirna awwaalaa gorsa fayyaa hin eegne, nama dhukkuba kanaan du’e harkaan qabachuun.

🧠 Mallattoo fi Alamoota Dhibee
Mallattoon Heemoreejik Fiiverii kanaa yeroo hedduu:
🔅Ho’a qaamaa olka’e fi hollachiisuu altokkotti jalqabuu
🔅Mataa dhukkubbii jabaa, qaama caccabsuu
🔅Humna dhabuu, dadhabbii akka malee ykn fedhii nyaata dhabuu
🔅Garaa kaasaa, oldeebisaa fi garaa dhukkubbii
🔅Dhiiguu afaan, funyaan yookaan gogaa irraatti argamu
🔅Ija diimessuu, yookaan keelloo taasisu (jaawundisii)
🔅Yoo didee hammaate : shookii, of wallaalchiisuu, yookaan qaama keessa tokkoo fi isaa ol dadhabuu/organ failure

🏥 Yaalaa fi Qoricha
Dhukkuba Heemoreejik Fiiveriif yerooo hedduu qorichi addaa hin jiru, garuu yaaliin hatattamaan kennamu lubbuu oolchu danda’a.
Yaalaa isaa maal

  🚨Ibsa galgala kana baaseen Ministerri Fayyaa dhukkubni ammaaf maalummaan isaa guututti adda hinbahin Naannoo Kibbaa, M...
13/11/2025

🚨
Ibsa galgala kana baaseen Ministerri Fayyaa dhukkubni ammaaf maalummaan isaa guututti adda hinbahin Naannoo Kibbaa, Magaalaa Jinkaa keessatti mudatuu ibsee jira.

Dhukkubichis mallattoolee akka hoo’a qaamaa, qola ijaa diimessuu, baasaa dhiiga makate, dhiigni irga, afaan, funyaanii fi qaama biraatii dhangala’uu fa’a qaba.

Akka ogeeyyonni Hospitaala Jinkaa himanitti: torbee kana namoonni shan dhukkubichaan qabamanii lubbuu isaanii dhabanii jiru. Isaan lubbuu dhaban keessaa lama ogeeyyota fayyaa (doktara tokkoo fi narsii tokkoo) yoo ta’an; kun ammoo dhukkubichi nama irraa namatti haalaan daddarbaa ta’uu isaatii fi kan yeroo gabaabaa keessatti lubbuu galaafatu ta’uu agarsiisa.

12/11/2025

“Yesus garuu kana dhaga'ee Yaayirosiin, "Hin sodaatin, 'amani duwwaa! Isheenis in fayyiti" jedheen.”
— Luq. 8:50

Address

Nono Benja
Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Olyd page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Olyd page:

Share

Category