18/09/2025
DHUKKUBA TOONSILII
MALLATTOOLEE:
1. Dhukkubbii qoonqoo (liqimsituu).
2. Mormi yoo tuttuqanii fi nyaata liqimsan nama dhukkubuu.
3. Yoo afaan bananii ilaalan xannachi toonsilii (kan gama bitaaf mirgaa harsasseetti argamu) garmalee diimachuu fi iita'uu, mataa dhukkubsuu, dhagna gubuu.
4. Nyaata jibbisiisuu, gurra dhukkubsuu, foolii afanii balleessuu, xannacha hiitessuu fi kkf.
Hubachiisa: daa’imman irratti mallattoowwan kana hundaa eeguu hin qabnu, balaqqamsiisuu fi garaa dhukkubsuu qofaan of ibsuu danda,a waan taheef.
Hawaasni maal gochuu qabaa?
1. Dhukkubni kun garmalee waan daddarbuuf namni dhukkuba kanaan qabame haga mana yaalaa deemee fayyutti warra kaanitti qufa’uu, haxxiffachuu, osoo harka sirriitti hin dhiqatiin waliin qodaa garaagaraa irraa fayyadamuu dhiisuun miseensota maatii ka biraatti akka hin dabarre gargaara, keessumaa daa’imman.
2. Qoricha mana yaalaa nuuf kenname guutummaatti fudhannee fixuu baannaan rakkoo biraa irra nu buusa. Kanaaf seeraan fudhannee fixuu qabna.
3. Rakkoo toosilii irra darbee qaamota biraa akka onnee fi kalee irra miidhaa waan geessisuuf gara mana yaalaa deemuun dirqama.
Galatoomaa!!! Fayyaan dhabinaa!!!