Daandii Milkaa.ina

Daandii Milkaa.ina welcome

Oduu Durii Itti BuhaaraaGaaf tokko waraabessa tokkotu halkaan magaalaa seene osoo lafee waan argate fuffuunaanatu lafti ...
03/06/2026

Oduu Durii Itti Buhaaraa
Gaaf tokko waraabessa tokkotu halkaan magaalaa seene osoo lafee waan argate fuffuunaanatu lafti itti bariite rifatee waan godhu dhabee achumaan harree tokko argatee" akka bineensi si nyaanneen godhaati maaloo na baadhuti magaalaa keessaa na baasi" jedheen.
Harreenis tolee jetteen. Sanaan booda harreen sun lafa barii magaalaa keessaa Waraabessa baattee yeroo deemtu Ummanni magaalaa argee kaan harka walitti rukkuteefi kan waan isaa wallaalee raajeffatee osoo ilaaluu harreen sun waraabessa sana magaalaa keessaa baastee bosoona seensiste. Achiin booda bosona akkuma seenteen harreen sun "Narra bu'i kinoo magaalaa keessaa si baaseera" jennaan waraabessattiin kottu erga as geessee maatii koo hundaan waal si barsiisa ni firoomna" jetteni ammas Harreen" tolee jette mana waliin deemte. Akkuma mana gahaniin ilmooleen waraabessaa itti yaanan waraabessattiin" keessuma isiini fideen dhufe akka aadaa keenyaa godhaatii waa sadii naf ka'aa" jettee Harree sana ilmoo isheetti dhiste boolla ishee seente rafte.

Hamma kana hunda dhaabbatte dhageeffacha turte,miliquus hin yaalle! Waraabessattiin"waa sadii naa ka'aa"jette waa sadan sun,1ffaan Mataa 2ffaan Ijaa 3ffaan Gurra ture.Sana booda bakkuma harrittiin dhaabbatte jirtu sanatti ilmooleen warabeessa akkuma amaalaf aadaa ishee kufistee nyaachu egalte. Osoo nyaachaa jirani ilmoolee waraabeessa sana keessa tokko" Haati keenya waa sadii naaf hambisa jette turtee hin dagatiinaa" jennaan ilmoon kan biraa" waa sadeen sana hin qabduu callisaa nyaadha"jetten.

Achii erga nyaatanii fixaanii booda haati waraabeessoota yeroo hirribaa kaatu "waa sadii isiniin jedhe sana naf keessanii?"jetten. Achii marree mataa anaaf ka'aa isiinin hin jenne? Yommuu jettu ilmoon takka akkas jetten";-
Yaa haadha koo harreen tun waan 3n san hin qabdu" jetten ..
Haati "akkamitti hin qabne" ?
Ilmoon deebistee
* "Osoo mataa qabaatte si baattee hin dhuftu ture, *osoo Ijaa qabaatte immo osoo argu boolla kana si waliin hin seentu ture!
* Gurraas o

Ilmii dhiira harkuma kamiin haadha dhiira deessu ta ji’a sagal gara nu baatu itti dhuqaase Ajjeesa bara mal qabu keessaa...
03/06/2026

Ilmii dhiira harkuma kamiin haadha dhiira deessu ta ji’a sagal gara nu baatu itti dhuqaase Ajjeesa bara mal qabu keessaa jirra!
Gochii kun kan raawatame Godina Gujii aanaa Sabbaa Boruutti haatii suuraan isii gaditti mudhatu tun eda bakka hujii isiitti rasaasaan ijjeefamte!
Maatif firoottan isiifif jajjabinna hawwina!

03/06/2026


amiiiiiin

rabbii siha fayyisu
03/06/2026

rabbii siha fayyisu

Dargaggeessi Kun jedhama. Dhalootan Harargee Lixaa Aanaa Shanan Dhuuggoo/Masalaa yoo tahuu, Shufeeri Konkolachiisa Isuzu Jimaa Harargeedha Finfinnee dadeebisuuti. Dhihoo kana jimaa fe'atee Daandii Guddicha biyyaatti Harargee Fi Finfinnee wal qunnamsiisu irratti shiiftaan Rasaasaa itti bantee harkaa isaa rukutee turtee. Tahuus inni shiifta harkaa fiige Lubbuu isaa Oolcheera. Yeroo amma Hospitalitti yaalamaa jira. Waan shiiftaan iddoo sanatti ummataa keenya gocha jiru yoo himne yeroon nu hin geessu.

Ahmadine Rabbiin sii haa fayyisu.

Address

Dire Dawa
Harar
DIRE

Opening Hours

09:00 - 17:00

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Daandii Milkaa.ina posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share