Shemshu Hassen Page

Alhamdulillaah nuti walqunnamtii waan jedhamu dhiisii dhalaahuu harkaan qabannee hin beeynu amma dura🥰
02/12/2025

Alhamdulillaah nuti walqunnamtii waan jedhamu dhiisii dhalaahuu harkaan qabannee hin beeynu amma dura🥰

Namoonni walquunnamtii saalaa torbaanitti yeroo 1 raawwatan gammachuu guddaa kan argatan yoo ta'an, warri guyyaa tokkotti yeroo 7 raawwatan ammoo faallaa kanaatiin gadda, dhiphina, rakkoo sammuufii rakkoowwan fayyaa hedduuf saaxilamoodha.

Ministeerri carraa hojii uumuu Afrikaa keessatti hojiirran oolu. Hanga kana ministeera firaaf, haadha warraaf, abbaa war...
18/11/2025

Ministeerri carraa hojii uumuu Afrikaa keessatti hojiirran oolu. Hanga kana ministeera firaaf, haadha warraaf, abbaa warraaf, ijoollee ofiitif carraa hojii uumun bakka haa bu'u. 😂

Father of generations 🤍⭐️🙏🏾 Abiy Ahmed Ali  🇪🇹💪
18/11/2025

Father of generations 🤍⭐️🙏🏾 Abiy Ahmed Ali 🇪🇹💪

15/11/2025
15/11/2025

Of eeggannoo‼️
Dhibee sodaachisaa Heemoraajik fiiver Kan naannoo jiinkaatti kaheefi Simbira halkanii!

Tibbana weerarri Dhibee Heemoraajik fiver naannoo jiinkaatti kahe sababa vaayirasii “Marburg virus “ jedhamuun dhufuu isaa qorannoon mirkaneessee jira !

Baattuun vaayirasii kanaa sinbira halkanii (Fruit Bats) iedhamturraa namatti darba . Simbirri halkanii kun akka soorataatti fuduraaleef abaabboo fayyadamti . Dhangala’aan Simbira kana keessaa bahu kan akka Fincaan , gororaa fi dhangala’aan biroo qaama ishii keessa bahu yoo nama tuqe vaayirasiin kun namatti darba .
Vaayirasiin kun yoo nama qabu carraan lubbuu namaa dabarsuu isaa baay’ee ol’aanaadha. Hanga %88 gahuu danda’a.

Dhukkubni kun nama mallattoo dhukkubichaa muldhisuu jalqabe irraa qofa namarraa namatti darba .

Simbirri halkanii baattoo vaayirasii kanaa taate kan isaan jiraatan holqa keessadha. Gaafa namoonni albuuda baasuuf akkasumas waan biraaf gara holqaa seenan, fincaan, udaan, ykn gorora sinbira halkaanii kanaaf saaxilaman vaayirasichi gara namaatti daddarba .

Vaayirasiin kun nama Dhibee kanaan qabamee mallattoo agarsiisu waliin tuttuqii qaamaa fi dhangala’oo qaamaa kanneen akka Dhiiga, gorora, fincaan, sanyii dhiiraa (ispermii) , furrii, imimmaan, dafqa, , balaqqama fi kanneen biroo isaan keessa bahuuf saaxilame Dhibee kanaaf saaxilama. Kana qofa osoo hin taane Uffata walii uffachuun, siree tokko irra waliin ciisuu, wal dhungachuu fi wal qunnamtii saalaan daddarba.

Vaayirasiin kun of eeggannoo yoo hin goone carraa inni dhukkubsataa irraa gara ogeessota fayyaatti daddarbuu isaa olaanaadha. Namoota Dhibee kanaan lubbuun isaanii darbe awwaaluuf Yeroo kafananis of eeggannoo yoo hin goone gara nama isa kafanu sanatti ni daddarba .

Namoonni dhukkuba vaayirasii kanaan qabaman mallattoo armaan gadii agarsiisu

- Dhaqna gubaa/qaama gubaa
-Dadhabbii gar malee
-Dhukkubbii maashaa fi buusaa
-Mataa dhukkubbii
-Teessisaa/garaa kaasaa
-Olguurraa/balaqqama

Yoo dhibeen kun daraan hammaachaa deeme dabalataan malattoo akka
-Dhiiguu qaamaa karaa funyaanii, afaan, irga ilkaanii, gogaa jala, ija, karaa qaamaa saalaa fi qaamota keessaa
-Garmalee gadi bu'uu dhiibbaa dhiigaa
-Dadhabuu kalee fi tiruu fi qaamota ijoo biroo
-Of wallaaluu faa agarsiisa

Kanaaf of eeggannoo akkamii gochuu qabna?

-Nama Dhibee kanaan qabame ykn mallattoo agarsiise waliin tuttuqqii qaamaa gochuu dhiisuu
-Yoo nama dhibee kanaan qabame yaalan/kunuunsan golgaa harkaa fi meeshaalee addaa dhimma kanaaf hijiirra oolan (personal protective equipment) fayyadamuu.
-Nama Dhibee kanaan shakkame hatattamaan gara mana yaalaa geessuu
-Harka keenya saamunaaf bishaaniin qulqulleefachuu ykn Sanitizer fayyadamuu

Fayyaa hin dhabinaa
Dr Naafyaad Geetuu

  🎊 Umar Ahmed Umar Baga Gammadde, Baga Gammaddan, Horaa Bulaa, Bultii Barakhaa Rabbiin Siif Haa Godhu 🤲امين🤲  Congratul...
19/10/2025

🎊 Umar Ahmed Umar Baga Gammadde, Baga Gammaddan, Horaa Bulaa, Bultii Barakhaa Rabbiin Siif Haa Godhu 🤲امين🤲

Congratulations 🎊

16/10/2025

Sitti katabu malee hin taatu

16/10/2025

Sa'ud Arabiyaan lammiilee Itoophiyaa murtii du'aa itti murteessite du'aan adabuu itti fufte.

Lammiilee Itoophiyaa 47 mana hidhaa bulchiinsa Naajiraan Sijnaal Ammii hidhaa jiran kan adabbiin du'aa itti murtaa'e keessaa yeroowwan garaagaraatti 40n isaanii irratti adabbii du'aa raawwachuu maddeen irraa dhageenye.

Maddeen OMN'f yaada isaanii kennan kanneen hafan 7 keessaa kaleessa nama lama baasuun murtii du'aa irratti raawwachuu himan.

Kanneen adabbiin du'aa irratti raawwatame Mahaammad Ahimad dhalataa Awwadaay, Ramadaan Abduu dhalataa Warra Jaarsoo Laga Mixee ta'uu himaniiru.

Lammiileen Itoophiyaa duuti itti murtaa'e hedduun imala seeraan alaatiin karaa Yamaniitiin gara Sa'ud Arabiyaa wayita seenan dallaalotaan baala sammuu namaa adoochu baachifamanii otoo deemanii waliin qabaman.

Hedduun isaanii waanuma baatanii akka hin beekne kan himan maddeen, erga mana murtii dhaqanii achitti baala sammuu namaa adoochu ta'uu akka baran himan.

Mana murtiitti falmanii haqa ofii akka hin kabajsiifne biyya sanaaf haaraa ta'uu fi afaan Arabaa wallaaluun danqaa guddaa akka itti ta'e warri yaada kennan dubbatu.

20/08/2025

Jechoota Afaan Ingiliffaa namni hin baratin yeroo baay'ee dhimma itti ba'u barreessimee😉

Tap tap, copy Link kan kana irraa hafe 😂

Address

Student
Harar
SHAMSHUU

Opening Hours

09:00 - 17:00

Telephone

+251915955363

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Shemshu Hassen Page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Shemshu Hassen Page:

Share

Category