11/12/2024
Gibiraa moo ????
Si dadhabnee yaa jiru
Kan qonne dinaaf hiruu
Diini nama irraa hin galee
Sareen akka kee hin jiru
Woyyanee jechuun bolla
Itti Guuranii hin gahuu
Fayyida ofii malee maalif
Hiyyeessa hin #??
Milli keenya lafatee
Goddaa bahuf rakkanne
Qabeenya keena rabbiif
Dinaa ofirraa dadhabnee !!!!!
Itti yaadi yaa lammii
Bilisumaa maf dhabnee??
Halkani Guyyaa yaada
Namni mirga ofii hin qabnee
Nutti kutaanii wol qonaa
Diini tooftaa baafata
Hiyyeessa dafqaan buluu
Kuma dhibba (100000) gafata ?
Yaa rabbii nuuf birmadhuu
Summaa abbaan rahmata (amiiiin)
Biyyumaa keenya irratti
Mirga uumamaa dhabne
Baddi tokkoon alatti
Mana hidhati guramnee
Nuu gotee yaa garbumma
Sarbituu mirga uumamaa !!!!!
Keenya kuni maal lataa ??
Mee eenyutu anaf hima
Bilisumaa esartaa ??
Barbaacha keti ani joraa
Sabnii garbumma hin qabnee
Samuu bilisaan olla
Hiyyomelee hin yadahuu
Biyyaa ofittiin bonaa 100%
Keenya dhiraf shamarraan
Biyyaa dhise baqata
Meqaa biratti dhumee
Seenan isaan yaadata ??
Diini biyya isaa ta’e nurraa
Samaa qaraxaa?????
Hin kafalu
Kan duraa eessa jira
Oromoo kessa saame
Maqaleen fidee hiraa !!!
Toftaa ittiin nuu saamtu
Sabni sitti argee jira
Akka dinaa hin garbomne
Woliif dhamaa yaa firaa
Gotaa fakkaata deemta
Yeroo dachiin nagaya
Guyyaa xiqii fi rakkoo
Gurii kee waa dhagaha
Nuu gettannii
Amma dacheerra ka,a
Dugdaa keenya teesse
Situ nuu ta’e baa,a
Isin karaa gadii dhiifnaan
Kayyoon galmaa nuuf
Ofiiyuu mirga hin qabdu
Mirga keenya maal eegda