05/10/2025
Waaqayyo isa midhaan nuu laate bishaan nuuf laate; galateeffachuun amma jalqabe miti, duruma kaasee jira.uumati oromoo ammana baayyatu waaqa galateeffachuu deema.namoonni lakkii uummati kun waaqa tolffaatti hirreffachuu deema jettan?waaqi tolfame hin jiru isa keessa keessanitti tolfame mo'adhaa.kun ergaa kooti mee ayyaana Irreecha waliin wal fakkatan ayyaan Saba Israel haa ilaallu
1. Aadaa fi Ayyaana Israa’el durii
Ummanni Israa’el yeroo hunda midhaan galfannaa fi ayyaanota waggaa Waaqayyo isa ajajee ture ni ayyaaneffata ture. Fakkeenyaaf:
Ayyaana Faasiikaa (Pesach) – yeroo Israa’el biyya Gibxii keessaa bahe (Kutaa Ba’uu 12:1–28).
Ayyaana Daniichaa (Shavuot/Pentecost) – yeroo midhaan jalqabaa galfatanitti galata galfachuuf (Leewwota. 23:15–22).
Ayyaana Buufata (Sukkot/Feast of Tabernacles) – yeroo midhaan xumuramee galata galfachuuf (Leewwota. 23:33–43).
Ayyaanota kana keessatti ummanni Israa’el:
Gara Yerusaalem deemu,
Galata galfachu,
Angafa midhaan isaanii Waaqayyoof kennu.
---
2. Yesuus fi Ayyaana Israa’el
Yesuus yeroo lubbuu isaa lafa irra turetti ayyaanota Israa’el keessaa hedduuf hirmaachaa ture. Fakkeenyaaf:
Yoh. 2:13 – Yesuus Yerusaalemitti Faasiikaa hirmaachuuf deeme.
Yoh. 7:2–14 – Yesuus “Ayyaana Buufata (Sukkot)” irratti hirmaatee barsiise.
Luqa 22:7–20 – Ayyaana Faasiikaa raawwatee, foonii fi dhugaatii haaraa hundeesse.
Kun agarsiisa Yesus aadaa saba isaa keessatti argamanitti hirmaatee, galata Waaqayyoof kennuuf ayyaana irratti deema ture.
---
3. Irreecha fi Wanta Walfakkaatu
Irreechi Oromoo yeroo roobni darbee midhaan haaraan ga’u, waggaa waggaan Waaqaf galata galfachuuf ayyaana kabajamudha.
Isra’el ammoo yeroo midhaan makaramu, yeroo bu'aam roobaa gahu, yeroo ayyaana isaanii Waaqatti galata galchaa turan. Fakkeenyaaf:
Keessa 16:13–15 –
> ¹³ Yeroo midhaan kee oobdii irraa, waynii kees lafa cuunfaa isaatii galfattu, ayyaana Gordommaa guyyaa torba ayyaaneffadhu!
¹⁴ Ayyaaneffachuu kee kanattis, ati, ilmi kee, intalli kee, hojjetaan kee, hojjettuun kee, sanyiin Lewwii, galaan, ijoolleen abbaan irra hin jirree fi dubartiin abbaan manaa irraa du’e, warri kellaa mandaroota kee keessa jiraatanis, walii wajjin itti gammadaa!
¹⁵ Ati dhugumaan akka gammaddutti, Waaqayyo gooftaan kee waan ati galfattuun, hojii harka kee hundumaanis waan si eebbisuuf, iddoo inni fo’atu sanatti, ayyaanicha Waaqayyo gooftaa keef guyyaa torba ayyaaneffadhu!
Zekariyaas 14:16 –
> “Sabni hundi Yerusaalemitti ol ba’anii Ayyaana Buufataa ayyaaneffatu.”
Kanaafuu, Irreechi Oromoo fi Ayyaana Buufata Israa’el galata Waaqa roobee midhaan kenneef galata kennuu irratti walfakkaata.
� Yoo jedhu, Yesuus gara ayyaana aadaa saba isaa deeme galateeffachuu, rooba, fi galata yeroo makarii irratti Waaqaf galfachuuf ayyaana isaanii irratti hirmaachaa ture. Irreechi Oromoo ammoo akkuma sana fakkaata — Waaqa galateeffachuu dha