Abdi abbagiddi

Abdi abbagiddi abdii

Qabxii Olaanaa Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Bara Kanaa Ifoome!Ibsa qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa har'a...
22/08/2026

Qabxii Olaanaa Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Bara Kanaa Ifoome!

Ibsa qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa har'a kennameen, qabxiin olaanaan bara kana galmaa'e ifoomeera.

Haaluma kanaan, damee Saayinsii Uumamaatiin (Natural Science) barattoota dhiiraa keessaa qabxiin olaanaan 600 keessaa 591.6 kan galmaa'e yoo ta'u, barataan qabxii ajaa'ibsiisaa kana fides barataa Mana Barumsaa Bultii Addaa Odaa magaalaa Adaamaati.

Gama barattoota dubaraatiin , damee Saayinsii Uumamaa kanaan qabxiin olaanaan 600 keessaa 583 kan galmaa'e yoo ta'u, barattuun qabxii kana galmeessistes barattuu Mana Barumsaa Injiibaaraa Agawuu Midir ta'uun ifoomeera.

22/07/2026

Qabxiin Qormaata Kutaa 8ffaa Naannoo Oromiyaa Ifa Ta'eera - Haala Itti Ilaallattan!

Biiroon Barnootaa Oromiyaa bu'aa qormaata biyyaalessaa kutaa 8ffaa ifatti kan gadi dhiise yoo ta'u, barattoonni fi maatiin karaa sarara intarneetiin qabxii isaanii ilaallachuu ni danda'u. Qabxii keessan haala salphaa ta'een ilaallachuuf, jalqaba irratti weebsaaytii ofiishaalaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa oromia.ministry.et jedhu banaa.

Weebsaaytichi erga isiniif banamee booda, filannoo "Check My Result" jedhu tuqaa. Itti aansuun, bakka "Registration Number" jedhutti lakkoofsa galmee (Admission Number) qormaata irratti fayyadamtan kan galchitan yoo ta'u, bakka "First Name" jedhuttis maqaa keessan kan jalqabaa qofa galchuudhaan bu'aa keessan salphaatti ilaaluu dandeessu.

Yeroo ammaa kana barattoonni fi maatiin baay'een yeroo wal-fakkaataatti qabxii isaanii ilaaluuf intarneetii irratti waan dhiibbaa uumaa jiraniif, weebsaaytichi yeroof biizii ta'uu isaatiin dhiphachuu danda'a. Kanaafuu, yoo tajaajilli sun yeroof isin jalaa addaan cite, obsaan suuta jettanii irra deddeebi'uun akka yaaltan beeksifameera. Barattoota hundaaf carraa gaarii ni hawwina!

Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf Karaa teelegiraamaa t.me//Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA ABDII SABAA

Bu'aan qormaata naannoo kutaa 8ffaa Oromiyaa yoom ifooma?Beeksisa Hatattamaa barattoota qormaata naannoo kutaa 8ffaa bar...
21/07/2026

Bu'aan qormaata naannoo kutaa 8ffaa Oromiyaa yoom ifooma?

Beeksisa Hatattamaa barattoota qormaata naannoo kutaa 8ffaa bara 2018 fudhattan maraaf!

Qormaanni naannoo kutaa 8ffaa bara 2018 kan naannoo Oromiyaa Waxabajjii 11 fi 12 bara 2018 kennamaa ture bu'aan isaa guyyaa boruu jechuunis Adooleessa 15 bara 2018 waaree dura Sa'aatii 4:00-6:00 tti kan ibsamu akka ta'e Biiroon Barnoota Oromiyaa ibseera.

Kanaanis akkuma bu'aan isaa ifoomeen kan isin biraan geenyu ta'a, obsaan nu eegaa!

Gama biraatiin bu'aa qormaata naannoo kutaa 6ffaa tiin wal qabatee guyyoota kudhan booda kan ibsamu akka ta'e ibsameera.

Barattoota qormaata naannoo kutaa 8ffaa fudhattan hundaaf Carraa Gaarii!

Link comment irra jiruun Channel keenya Telegram join taasisuun odeeffannoo haaraa argadhaa!

13/07/2026

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdi abbagiddi posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category